News

All News

Leenjiin "Project Management Professionals" (PMP) fi "Building Information Modeling" (BIM)

OCC Fulbaana 13, 2017 – Leenjiin "Project Management Professionals" (PMP) fi "Building Information Modeling" (BIM) ogeessota OCC tiif Yunivarsiitii Finfinnee (AAU) Kaanpaasii Caffee Muudaa (Lidataa) Ethiopian Institute of Architecture, Building and Construction (EIABC) tti kennamuu eegalee jira. OCC Furmaata Hundagaleessaf!

Hojjettoonni OCC Waajjira Ol'aanaa qophii kabaja Ayyaana Irreechaa bara 2017 tti marii'atan.

OCC Fulbaana 09, 2017 – Hojjettoonni OCC Waajjira Ol'aanaa qophii kabaja Ayyaana Irreechaa bara 2017 tti marii'atan. OCC Furmaata Hundagaleessaf!

Leenjiin ERP Magaalaa Adamaatti Hoggantoota fi hojjeetotaa projeektootaaf kennamaa ture xumurame.

OCC Fulbaana 09, 2017 – Leenjiin Enterprise Resource Planning (ERP) Hoggantootaa fi ogeessota pirojektota OCC tiif guyyootaa 4f kennamaa ture xumurame.OCCn hojmaataafi teknooloojii ammayyaa hojiirra oolchuun humna raawwachisummaa isaa caalmaatti cimsachuuf Eterprise Resource Planning (ERP) hojiirra oolchuun hojmaata isaa ammayyeesuun leenjii marsaa 3ffaa Hoggantoota fi hojjeetotaa projeektootaaf kennamaa ture xumurame.

Baga Bara Haaraa 2017 Nagaan isin ga'e!

Ayyanaa Gaarii !

OCCn Dhaabbata "Auction Ethiopia S.C" waliin waliigaltee walmallatteesse.

Qaammee 05, 2016 Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa (OCC) sirna caalbaasii maksa meeshaalee dijitaalawaa gochuudhaaf Dhaabbata "Auction Ethiopia S.C"  waliin waliigaltee walmallatteesse. Waliigalticha kan mallatteessan gama OCCtiin Injinar Ashannaafii Dhaabaa Hojii Raawwachiisaa Ol'aanaafi Sad. I/A/HR/tti I/G Dhimma Hawaasummaa KIO Obbo Kaffiyaalew Ayyaanaa gama Dhaabbata "Auction Ethiopia S.C" tiin Obbo Yooseef Ankuu (CEO) fi aaddee Ruut Kiroos (sales manger) yommuu ta’an, waliigaltee kana walmalletteessun OCCf fayidaalee hedduu akka qabus ibsaniiru. Meeshaalee Dhabbata 4 irra walittidhufanii OCC keessatti argaman hedduu kan Korporeeshinichaaf taajila hin kennineefi sadarkaa guddinaa OCCn qaqqabe waliin kan hindeemne caalbaasii dijitaalaan maksuun fayidaalee armaan gadii ni qabaata. - Caalbaasiin ba'u sirrii, bu’aa qabeessafi kan iftoomina qabu (efficient, and transparent) taasisuufi bulchiinsa qabeenya meeshaalee fooyya'aa taasisuu, -Baayyina dorgomtootaa caalbaasii bitanii dabaluun gatii meshaalee guddisuu, -Qaqqabummaa caalbaasii biyya keessaafi sadarka idil-addunyaa akka  dabaluu gochuun dorgomtoota sirrii argamsiisuu, -Baasii caalbaasiif ba'u ni xiqqeessa, - Sirna caalbaasii ariifataa ni taasisa, -Qabeenyaa maksamuu qabu artiin maksuuf gargaara, -Sirna hordoffiifi gabaasaa mijaa ni uuma, -Iftoominaafi nageenyummaa (transparency and Security) caalbaasii mirkaneessuufaa faayidaalee OCCn argatu keessa muraasa akka ta'an himameera. OCC Furmaata Hundagaleessaf!

Leenjiin ERP marsaa 2ffaa Magaalaa Bishooftuutti kennamaa ture xumurame

OCC Qaammee 03, 2016 Leenjiin Eterprise Resource Planning (ERP) marsaa 2ffaa Hoggantoota Ol'aanoo, Dursitoota Gareefi Raayyaa teknooloojiitiif Magaalaa Bishooftuutti guyyaa 27/12/16 - 03/13/16 tti kennamaa ture xumurame. Sad. I/A/HR/tti I/G Dhimma Hawaasummaa KIO Obbo Kaffiyaalew Ayyaanaa OCCn hojii gurguddaa hojjechuun raayyaa teknooloojii babal'ifachaa akka jiru ibsuun leenjiin kun dhiimmoota xixiqqoo nu hafan akka guuttannu agarsiistuu gaariidha jedhan. Leenjitoonni yaada kennanni siistamichi amma yaadamuun ol hojiirra oolee jira; gama keenyaan daataa qulqulluu galchuurratti hanqina jirus ni fooyyeffanna jedhanii jiru.

Kenni Tajaajila Lammummaa Furmaata Rakkoo Hawaas - Diinagdeeti!

OCC Hagayya 28, 2016 – Korporeeshiniin Ijarsaa Oromiyaa korporeeshinii ummataa aantummaa ummata isaaf hojjechuun beekamu, mana harka qalleeyyii ijaaruuf hojii jalqabe. Magaalaa Maayaatti Korporeeshiniin Ijarsaa Oromiyaa mana jireenyaa  harka qalleeyyii ijaaruudhaaf guyyaa har'aa hojii eegalsiise. Kantiibaan Magaalaa  Maayaa Dr.Ifrahaa Waziir, Hojii Raawachiisaa Ol-aanaa OCC Injinar Ashanafi Sad. I/A/HR/tti I/G Dhimma Hawaasummaa OCC Obbo Kaffiyaalew Ayyaanaa saganticharratti argamuu hojii jalqabsiisaniiru.

Waliigalteen yeroo qilleensaa OCC fi OBN gidduutti mallatteeffame.

OCC Hagayya 27, 2016 Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa waliigalteen Itti Fayyadama Yeroo Qilleensaa Oromia Brodcasting Network (OBN) waliin walmallatteesse. Waliigaltichi Sagantaan "Television" dhaan darbu torbee 52 (shanttami lama ) kan daqiiqaa 20 (digdama) dheeratu ta'ee, torbeetti al tokko guyyaa sanbata Guddaa (Dilbata)  galagala sa’aa 2:00 irraa hanga sa’aa 2:20 tti kan tamsa’udha. Sagantaan 52 (shanatami lama) "Television" dhaan qilleessarra oolu "youtube" irrattis akka fe’amu ta'uu waliigalticha keessatti ibsameera. Yeroo qilleensaa qabaachuun haala pirojektoonni OCC irra jiran yeroo yeroodhaan waraabbii suur-sagalee gaggeessuun ummataaf ifoomsuufi yaada ummataa fi maamiltoota hubatanii qindoominaan hojjechuuf faayyidaa guddaa akka qabus ibsameera. Waliigalticha kan mallatteessan gama OCCtiin Injinar Ashannaafii Dhaabaa Hojii Raawwachiisaa Ol'aanaa fi Obbo Korree Shanqullee Daayirektara Itti aanaa fi Ittigaafatamaa kutaa sagantaalee OBNti

Waliigalteen waliin hojjechuu OCC fi OSU mallataa'e.

OCC Hagayya 27, 2016 Korporeeshiniin Ijarsaa Oromiyaa fi Yunivarsiitiin Nannoo Oromiyaa Waliigaltee waliin hojjachuu (memorandum of Understanding) kan waaggootaa 5 dhufaanii ittiin waliin hojjatan mallatteessan. Akkataa waliigaltee kanaatiin yunivariitiin Nannoo Oromiyaa fedhii Korporeeshinichaa irratti hundaa’uun hojiilee riiformii adda addaa qorachuun akka hojii irra oolu ni taasisaa. Fedhii leenjii qorachuun, leenjii humna raawwachiisummaa korporeeshinichaa cimsu ni qopheessa, qorannoo fi qo’annoo Korporeeshinichaa kan sadarkaa ol-aanatti ceessisuuf dandeessisan waliin ta’uun ni gaggeessa, hojii irraa oolmaa isaaf deeggarsaa ogummaa ni taasisa. Akkasumas, korporeeshinchi ga’ee misoomaa keessatti qabu daran cimaa akka ta’u  gurmaa’inaa fi caaseffama korporeeshinichaa qorachuu akka hojii irraa oolu ni taasisa. Haaluma walfakkatuun hoji-maata haarawaa korporeeshinichaa jijjiruu danda’an ni qorate korporeshinchaaf ni dhiyeessa. Sirna waliigaltee waliin hojjachuu (MoU) mallatteessu kana irratti Hojii Rawachiisaan Ol-aanaa OCC Injinar Ashanafii Dhabaa haasawa tasisaniin OCC saffisa guddinaa amma irraa qaqqabe kanaan kan walgitu hojimaataa fi ijaarsaa dandeettii ammayyaawaa qophessuun yeroo yeroon of jijjiraa adeemuun dhimma murtessaa akka ta’e ibsanii Yunivarsiitii Nannoo Oromiyaa waliin waliigalte mallatta’e kun kutannoo korporeeshinchi jijjiramaaf qabu kan ittiin dhugoomsinu keessaa isa tokko akka ta’e ibsaniiru. Haaluma walfakkatuun Prezidaantiin Yunivarsiitii Nannoo Oromiyaa Dr.Garramu Hulluqaas Waliigalteen har’a mallattaa’e kun ka’umsa godhachuun fedhii jijjirama korporeeshinichi qabu haala amanssisaa fi kutannoo olanaan akka hojjatan ibsanii waliigaltee antumaan nannoo keenyaa fi biyyaa keenyaa ittiin jijjiruuf qabnu kan ittiin dhugoomsinuudha jedhaniiru. Yuniversitiin Naannoo Oromiyaa Karooraa tarsimawaa wagga 5 (SPM) OCC haarawaa qopheesse irratti hundaa’uun gurmaa’inaa fi caasaa Korporeeshinichaa haarawaa guyyoota 50 dhufan keesatti xumuree akka dhiyeessuu sirna waliigaltee kan irratti ibsameera.

Gamaaggamni Hojiirra Oolmaa Kaayizani gaggeeffame

OCC Hagayya20,2016–Gamaaggamni Hojiirra Oolmaa Kaayizani gaggeeffame. OCC tti gamaaggamni raawwii hojii kaayizanii taasifameera.  Gabaasni hojiiwwan wiirtuulee gaaraajii Alamganaa, Finfinnee, Gidduugala oomisha meeshaalee ijaarsaa Adaamaa, Wiirtuu Diriiliingii Galaaniifi Shaashamannee suuraan kan deeggarame hirmaattottaaf erga diyaatee yaadni irratti kennamee gabbifamee jira. Dhuma irratti hojiin hanga yoonaatti hojjetame ol'aanaa ta'us fuula durattis hojiin guddaan akka hojjetamuu qabu ibsameera. Kallattiin hojii fuula duraas kennamee jira.

Biyya Bu'uuressu; Dhaloota Waaressu!

OCC Hagayya 17, 2016 – Hojjettoonni Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa Waajjira Ol'aanaa guutuu biyyaatti  biqiltuu miiliyoona 600 sagantaa Ashaaraa magariisaan  guyyaa tokkotti   dhaabuuf qabame milkeessuuf ashaaraa isaanii kaawwachaa jiru.

Gamaaggamni  Raawwii Hojii Bara 2016fi qophii Karooraa Bara 2017 irratti guyyoottan lamaaf gaggeeffamaa ture xumurame

OCC Adoolessa 24, 2016 – Gamaaggamni  Raawwii Hojii Bara 2016fi qophii Karooraa Bara 2017 irratti Hoggantoota Waajjira Ol'aanaa, Dameewwanii, Pirojektootaa, Wirtuuleefi Hojjettoota Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaan Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti guyyoottan lamaaf gaggeeffamaa ture xumurame. Xumura irratti Hojii Raawwaciisaa Ol'aanaan Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa Kallattii hojii boqonnaa qophii fi karoora bara bara 2017 kennanii waltajjichi xummuramee jira.

Koorporeeshinichi pirojektoota garaagaraa 102 xumuruun hawaasa fayyadamaa taasisuu ibse.

Koorporeeshinichi pirojektoota garaagaraa 102 xumuruun hawaasa fayyadamaa taasisuu ibse Finfinnee, Adoolessa 12, 2016 (FBC)- Koorporeeshiniin Ijaarsaa Oromiyaa pirojektoota garaagaraa 102 xumuruun hawaasa fayyadamaa taasisuu ibse. Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Korporeshinichaa Injiinar Ashannaafii Dhaabaa raawwii karoora bara baajataa 2016 dhaabbatichaa ilaachisuun miidiyaaleef ibsa kennaniin, koorporeeshinichi barana galii Birrii biliyoonaa 10 walitti qabuu ibsaniiru. Barana pirojektoota garaagaraa 76 xumuruuf karoorfachuun, pirojektoota 102 xumuruun hawaasni naannichaa akka irraa fayyadamu ta’uu ibsaniiru. Riifoormii gaggeeffamaa turenis dhaabbatichi hojmaata dijitaalaan gahoomsuuf teeknooloojii yeroon gaafatu hojii irraa oolchuun, pirojektoota dhaabbatichaan hojjetaman, qulqullina, yeroo fi baayinaan akka xumuraman hordoffiin taasifamuu himaniiru. Gammachuu Beekumaatu gabaase. #Oromia #Ethiopia

Korporeeshiniin ijaarsaa Oromiyaa Ijaarsa Mana Baruumsa Sadarkaa 2ffaa Ifa Boruu Tembeen xummure.

OCC Adoolessa 13, bara 2016 - Korporeeshiniin ijaarsaa Oromiyaa Ijaarsa Mana Baruumsa Sadarkaa 2ffaa Ifa Boruu Tembeen xummure. Iijaarsi Mana Barumsa Ifa Boru Tembeen Naannoo Tigraayi Magaalaa Abi adiitti argamu qulqullinaan yeroo taa'eef keessatti raawwatee dallaa mana baruumsichaa keessatti biqiltuu dhaabuun ashaaraa magariisaa kaa'ee. Sirna kana irratti kan argaman I/A/H/R/Ol’aanaa fi Hoogganaa Damee Ijaarsa Gamoowwanii Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa Inj. Habiib Qumbii, OCCn Naannolee biyyatti hunda keessatti hojiiwwan ijaarsa pirojektotaa qulqullinaa fi yeroo koontiraataa keessatti raawwachuun tajaajila ummataaf dabarsaa jiraachuu isaa ibsanii, hoogansaa fi hawaasa naannoo pirojektiitti argaman deeggarsa taasisaniif galateeffatanii Hojjettoota pirojektichaa hunda fi Inj. Burtukaan Namee Dursituu Garee Ijaarsa Gamoowwanii hojii kana qindeessuufi raawwachuudhaaf halkanii guyyaa kutannoodhaan hojjechun pirojekticha sadarkaa kana akka gahu gumacha taasisaniif galateeffatani jiru. I/A/ Kantiibaa magaalaa Abi-Addii kan ta’an Obbo Zar’aay Hagos Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa raawwii hojii gaarii agarsiisaa jiruu fi walitti hidhaminsa naannoolee lamaan gidduu jiruuf shoora guddaa akka taphachaa jiraachuu ibsanii jiru. KIO, Furmaata Hunda Galeessaaf!!!

Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa Warshaa Simmintoo Darbaa waliin waliigaltee walmallatteesse.

OCC Adoolessa 11, 2016 – Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa Warshaa Simmintoo Darbaa waliin waliigaltee walmallatteesse. Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa bakka Ministirri Ministeera Jallisiif Naannawaa Gammoojjii Mootommaa F.D.R.I Kabajamoo Dr. Abirhaam Balay argamanitti  Warshaa Simmintoo Darbaa waliin waliigaltee walmallatteesse. Korporeeshinichi Ministeera Jallisiif Naannawaa Gammoojjii waliin waliigaltee taasisuun pirojektoota  ijaaraa jiruu yeroo ta'eef keessatti qulqullinaan ijaaree xumuruu akka isa dandeessisuuf, dhiyeessii simintoo isa barbaachusu gara fuula duraa osoo addaan hin cinne itti fufiinsaan argachuu akka danda’uu Warshaa Simintoo Darbaa waliin waliigaltee  dhiyeessii mallatteessee jira.   Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa bakka bu'uun Hojii Raawwachiisaa Ol'aanaa Korporeeshinichaa Injinar Ashannaaffii Dhaabaa kan  mallatteessanii yommuu ta'u, Warshaa Simintoo Darbaa bakka bu'uun Hojii Rawwachiisaa Ol'aanaan Warshichaa Injinar Haayilee Asegidee mallatteessaniiru. የኦሮሚያ ኮንስትራክሽን ኮርፖሬሽን  ከደርባ ሲሚንቶ ፋብሪካ ጋር ተፈራረመ፡፡ የኦሮሚያ ኮንስትራክሽን ኮርፖሬሽን የኢ.ፌ.ዲ.ሪ የመስኖና ቆላማ አካባቢ ሚኒስቴር ሚኒስትር የተከበሩ ዶክተር አብርሃም በላይ በተገኙበት ከደርባ ሲሚንቶ ፋብሪካ ጋር ተፈራረመ ፡፡ ኮርፖሬሽኑ ከመስኖን ቆላማ አካባቢ ሚኒስቴር ጋር ውል ገብቶ ለሚገነባቸው ፕሮጀክቶች በተያዘላቸው ጊዜ እናጥራት ማጠናቀቅ እንዲያስችለው የሚያስፈልገውን የሲሚኒቶ አቅርቦት በቀጣይነት ሳይቆራረጥ ማግኘት ያስችለው ዘንድ ከደርባ ሲሚንቶ ፋብሪካ ጋር የአቅርቦት ውል ስምምነት ተፈራርሟል ፡፡ የኦሮሚያ ኮንስትራክሽን ኮርፖሬሽንን በመወከል ኢንጂነር አሸናፊ ዳባ የኮርፖሬሽኑ ዋና ሥራ አስፈፃሚ የፈረሙ ሲሆን ደርባ ሲሚንቶ ፋብሪካን በመወከል ደግሞ የደርባ ሲሚንቶ ፋብሪካ ሥራ አስፈጻሚ ኢንጂነር ኃይሌ አሰግዴ ፈርመዋል ፡፡ Oromia Construction Corporation signed with Derba Cement Factory. Oromia Construction Corporation signed a contract with Derba Cement Factory in the presence of Honorable Dr. Abraham Belay, Minister of Irrigation and Lowland  of EFDR. The Corporation has signed a supply contract agreement with Derba Cement Factory in order to enable continuous uninterrupted supply of cement for the projects it is building on schedule. On behalf of Oromia Construction Corporation, Engineer Ashenafi Daba, (CEO) signed, and on behalf of Derba Cement Factory, Engineer Haile Asegde, CEO of Derba Cement Factory, signed.

Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa Ministeera Jallisiif Naannawaa Gammoojjii waliin waliigaltee waloo walmallatteesse.

OCC Adoolessa 10, 2016 - Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa Ministeera Jallisiif Naannawaa Gammoojjii waliin waliigaltee waloo walmallatteesse. Waliigalteen waloo kun Dhaabbilee Kontiraakataraa, Ministeera jallisii fi Naannawa Gammoojjii akkasumas Gorsitoota gidduutti waliigaltee mallataa'e yommuu ta'u, gama Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaatiin waliigalticha kan mallatteessan Inj. Ashannaafii Dhaabaa Hojii raawwachiisaa Ol'aanaa Korporeeshinichaati. Korporeeshiniin Ijaarsaa waliigaltee kana mallatteessuun isaa Pirojeektoota Jallisii kontraataan harka isaa jiru qulqullinaanfi saffisaan ijaaree xummuruu kan isa dandeessisudha. OCC ሐምሌ 10, 2016 - የኦሮሚያ ኮንስትራክሽን ኮርፖሬሽን ከመስኖና ቆላማ አካባቢ ሚኒስቴር ጋር የጋራ ስምምነት ተፈራረመ ። የጋራ ስምምነቱ  በመስኖና ቆላማ አካባቢ ሚኒስቴር ፣ በኮንትራክተሮች እንዲሁም በአማካሪዎች መካከል የተፈረመ ሲሆን የኦሮሚያ ኮንስትራክሽንን ወክሎ ስምምነቱን የፈረሙት እንጂነር አሸናፊ ዳባ የኮርፖሬሽኑ ዋና ሥራ አስፈፃሚ ናቸው ።  ይህንን ስምምነት የኦሮሚያ ኮንስትራክሽን ኮርፖሬሽን መፈራረሙ በኮንትራት ውሉ ስር ያሉትን የመስኖ ፕሮጀክቶችን በጥራትና በተቀመጠለት  ግዘ ዉስጥ ለማጠናቀቅ ያስችለዋል ። OCC July 17, 2024- Oromia Construction Corporation signed a joint agreement with the Ministry of Irrigation and Lowland. The joint agreement was signed between the Ministry of Irrigation and Lowland, contractors and consultants, and Engineer Ashenafi Daba the CEO of the corporation signed the agreement on behalf of Oromia Construction Corporation. The signing of this agreement by Oromia Construction Corporation will enable it to complete the irrigation projects under the contract with quality and within the stipulated time. Odeeffannoo dabalataaf: Marsariitiin keenya

Bara 2016 keessa, Karoora xiiqii Korporeeshiniin ijaarsa Oromiyaa hojii ijaarsa pirojeektotaa gaggeessaa turee jira.

Bara 2016 keessa, Karoora xiiqii akka Motummaa Naannoo Oromiyaatti qabame bu'uura godhachuun, Korporeeshiniin ijaarsa Oromiyaa karooraa xiiqii mataa isaa baafatee mirkanessisuun hojii ijaarsa pirojeektotaa gaggeessaa turee jira. Korporeeshiniin keenya bara bajataa 2016 tti raawwii hojii ijaarsaa pirojeektotaa irraa galii  maallaqaan Qar. Biliyoona 12.3(biliyoona kudha lamaa fi Miliyoona dhibba sadi) hojjechuuf kan karoorfate yoo ta’u, galii  Qar. Biliyoona. 10.2(Biliyoona kudhanii fi Miliyoona dhibba lama), dhibbantaa  83 (83%) raawwatee jira. Kanaanis,  bu'aa  Qar. mill. 861( miliyoona dhibba saddeetii fi jaatamii tokko argachuuf karoorfamee, bu'aa qulqulluun Qar. mill. 645( miliyoona dhibba jahaa fi afurtamii shan) dhibbantaa  75 (75%) argachuun danda'amee jira. Raawwiin KIO bara kanaa (2016),  kan bara darbeen (2015) waliin yommuu walbira qabamee ilaalamu, Qar. billiona 1.7 , dhibbantaa 20 , ( 20%) caalmaa argisiisee jira. Pirojektoota qulqullinaan ijaaree xummuruun dabarsuu ilaalchisee, bara kana pirojektota 76 xummuruuf karoorfamee, pirojeektota  102 xummuruu danda'amee jira. Haaluma wal fakkaatuun pirojeektota 37 irratti  wal harkaa fuudhinsa duraa gaggeessuuf karoorfamee, pirojeektota 35 , dhibbantaa 94 yommuu raawwatamu, pirojeektota 31 irratti walharkaa fuudhinsa xummuraa (final hand over) raawwachuuf karoorfamee pirojeektota 36,  dhibbantaa  116 raawwachuun danda’amee jira. Gama biraatiin, Raawwiin hojii walii galaa korporeeshinichaa, Agarsiistuu raawwii ijoo KPI(Key Performance Indicator) sadarkaa Naannootti Biiroo Dhaabbilee Misoomaa Oromiyaatiin madaallamee karooraa irraa dhibbantaa 90 (90% ) ta'ee jira. Raawwii fi milkaa'ina KIO tiif gumaacha guddaa kan gootan Hojjettoota Korporeeshinichaa bu'aa hojii keessanii waan ta'eef galata guddaatu isiniif mala. Biiroo Dhaabbilee Misoomaa Naannoo Oromiyaa, Boordii KIO, Oro Konistirakshin Giruupii (OCG), Abbootii Pirojeektotaa, hawaasa bala’aa naannawaa pirojeektota keenyaa, Maamiltoonni keenyaa fi Dhiyeessitoonni, bu'aa argame kanaaf gumaachi keessan iddoo guddaa waan qabuuf galata guddaa qabdu. Yeroo itti aanu, KIOn  ciminoota isaa caalmatti gabbisee itti fufsiisuun, hanqinoota mul'atan bu'uurarraa maqsaa,  rakkoolee qunnaman waltumsuun furaa, mul’ata isaa milkeessuuf kan hojjatuu fi galma badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf yeroo kamuu caala cimee kan hojjatuu ta’uu ibsina. KIO Furmaata Hunda Galeessaaf!! Ashannaafii Dhaabaa, HRO.

Oromia Construction Corporation takes part in Annual job fair expo.

OCC July 2, 2024- Oromia Construction Corporation takes part in Annual job fair expo. Oromia Construction Corporation (OCC) is taking part in Annual job fair expo that opened on July 2, 2024 in collaboration with Addis Ababa Science and Technology University. OCC is sharing its best experience in Dam, Irrigation, water supply, Road and Building construction, Deep water well drilling and Production of construction materials. The Job Fair Expo where academia meets the industries!

Pirojektiin Ijaarsa Daandii Shaggar Hojii Jalqabsiifame

OCC Waxabajjii 15, 2016 - Pirojektiin Ijaarsa Daandii Shaggar Hojii Jalqabsiifame. Jiilli Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Pirojektii Ijaarsa Daandii Shaggar Hojii Jalqabsiisan. Pirojektiin Ijaarsa daandii Shaggar kiiloomeetira 150 kan dheeratu yoo ta’u, marsaa jalqabaan kiiloomeetirrii 38.5 Birrii biiliyoona 4.5n kan ijaaramu akka ta'e himameera. Pirojektichi Marsaa jalqabaan Kutaalee Magaalaa Kuraa Jiddaa, Laga Xaafoo, Koyyee Facceefi Galaaniin akka wal qunnamsiisuus ibsameera.

Gargaaramummaa irraa gara Oomishtummatti; birmadummaafi Kabaja Biyyaalessaatiif" jedhuratti marii'atame.

OCC Waxabajjii 13, 2016 - Mata duree "Gargaaramummaa irraa gara Oomishtummatti; birmadummaafi Kabaja Biyyaalessaatiif" jedhuratti marii'atame. ============================== Hojjettootniifi hoggantoonni Korporeeshinii Ijaarsaa Oromiyaa (OCC) Waajjira Ol'aanaa dhimma yeroo Mata duree "Gargaaramummaa irraa gara Oomishtummatti; birmadummaafi Kabaja Biyyaalessaatiif" jedhuratti marii taasisan. Kaayyoo guddaan marii kanaa ilaalchota gargaaramtummaafi kadhaa dhabamsiisuun, sadarkaa oomishtummaa dabaluun, sadarkaa maatiittii wabii nyaataa mirkaneessuuf haala mijataa uummuudha. Ka'umsa maariitiif barreeffamni mata- duree "hirkattummaa irraa gara oomishtummaatti," jedhu erga dhiiyaatee booda, mariin gabbifamee  hubannoo walfakkaatuun imala eegaleme milkeessuuf hoojjetaan kamuu gahee isaa ba'uu akka qabus himameera.

Pirojektiin Ijaarsa Buufata konkolaataa Magaalaa Amboo qulqullina olaanaan ijaaramee xumuramaa jira.

OCC Caamsaa 22, 2016 - Pirojektiin Ijaarsa Buufata konkolaataa Magaalaa Amboo qulqullina olaanaan ijaaramee xumuramaa jira. ============================== Godina Shawaa Lixaa Magaalaa Ambootti pirojektiin ijaarsa Buufata konkolaataa waggoottan  arfan dura kontiraaktara biraan ijaaramee  qulqullina waan dhabeef caccabuun madda komee hawaasaa ta'ee tureera. Pirojektiin kun waggaa tokko keessatti diigamee akka haaraatti ijaaramee akka xumuramuuf Korporesshinii Ijaarsa Oromiyaa (OCC) tti kan kenname ta'us, OCCn xiyyeeffannoo addaa kennuun yeroo hojii dheeressuun hojjechuuniifi dhiyyeessii barbaachisu dursee dhiyeessuun yeroo taa'eef ji'a shan (5) dursee  xumuraa jira. Hoji gaggeessaan Piroojektii kanaa Injinar Mootummaa Biraasaa, "yeroo pirojektii kanaaf kaa'ame ji'a shan dursinee sadarkaa  xumuraarra qaqqabsiisuun keenya akka muuxannoo gaariittii fudhatamee, pirjoktoota biroo irrattis haala walfakkaatuun yeroo ta'eef dursanii xumuruun baratamuu qaba,"jedhan.

Hojjettoota haaraa OCC tti qacaramaniif leenjii hojii duraa keenamaa jira.

Hojjettoota gita hojii to'ataa istookiifi barreessaa mana kuusaa irratti qacaramaniif leenjiin hojii duraa (Orentetion) kennamaa jira. Leenjii kanarratti guyyaa jalqabaa  waa'ee Kerporeeshiinii Ijaarsa Oromiyaa (OCC) waliigalaa maalummaa Korporeeshinichaa, Mul'ta, Ergama Kaayyoo kkf dabalatee, hojii Bulchiinsa qabeenyaa jalatti hojjetamu irratti gadi fageenyaan kennamaa jira. Leenjiin kun guyyaa boruus kan itti fufu yommuu ta'u, hojiin Korporeeshiinii Ijaarsa Oromiyaa (OCC) keessatti hojjetamu kamuu ERPn qofa waan ta'eef, leenjiin tekinooloojii itti fayyadama ERPfi Maanuwaaliiwwan, qajeelfamoota Bulchiinsa qabeenyaafi kanneen biroo irratti ni kennamaaf.

Jiilli Muummicha Ministeeraa Dr. Abiyyi Ahimadiin durfamu Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa Moojoo hojii Jalqabsiisan.

OCC Caamsaa 2, 2016 - Jiilli Muummicha Ministeeraa Dr. Abiyyi Ahimadiin durfamu Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa Moojoo naannoo Lumeetti hojii Jalqabsiisan. Muummicha Ministiraa Itoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad, Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hooggantoonni sadarkaa Federaalaa, Naannoofi qooda fudhattoonni bakka argamanitti Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa ifatti hojii eegalsiifammera.

Gamaaggamni Raawwii Hojii Kurmaana 3ffaaKorporeeshinii Ijaarsa Oromiyaan gaggeeffamaa ture xumurame.

OCC Ebla 13, 2016 – Gamaaggamni Raawwii Hojii Kurmaana 3ffaa Bara 2016 Magaalaa Adaamaa Galama Abbaa Gadaatti Hoggantoota Waajjira Ol'aanaa, Dameewwaniifi Pirojektootaa Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaan gaggeeffamaa ture xumurame. Akkaatuma kallattiin kaa'ameen gabaasni waliigalaa raawwii hojii kurmaana 3ffaa OCC erga dhihaateen booda, Karooraafi tarsiimoon ji'oottan hafanii kan damee Bishaanii, damee Gamoofi damee Geejibaa walduraa duubaan erga dhiyaate booda mariin gabbifamee jira. Dhumarrattis, Hojii raawwachiisaa Ol’anaan (CEO) Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa (OCC) Injinar Ashannaafii Dhaabaa, kallattii hojii gara fuula duraa kaa’anii jiru. Kallattiiwwan kaa’amanis:   Pirojektoota xumuramu qaban xumuruu,  Qabeenya jirutti qusannaan fayyadamuu,  Hojii dursa barbaduuf dursa kennuu,  Rifoormiifi dijitaalizeshiin hojiirraa olchuu,   Noormiifi Istaandardii mana hojii hordofuun madaalaa deemuu,   Hojii hunda KPI maddaluu,   Humna namaa qabnu guddisuu, ga’oomsuu madaaluu, leenjisuu, hoggansa baasuu   Hojii kamuu qulqullina, baayyinaafi ariitii ittiin hojjetameen madaaluu,   Karooraan hogganamuu,   Suupha maashinarii ofi daandeessisuun hogganuu, oggeessota ga'umsa qaban horachuu, dhaabbiile baranootaa TVET waliin hojjeechuu,   Qabiinsa Maashinarii keenya cimsuun ofegannoon fayyadamuu ,   Bittaa karooraan bituu,   Kenniinsa tajaajilaa fooyyessuufi kkf akka kallattiitti ibsa bal’aa .

OCC Bitootessa 25, 2016 - Agarsiisni suuraafi Viidiyoo (egzibiishinii) jalqabame.

Agarsiisa suuraafi Viidiyoo (egzibiishinii) Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa akka Naanootti Magaalaa Finfinnee Gidduugala Aadaa Oromootti qopheesse irratti hirmaachuun hojiiwwan gurguddoo OCCn hojjechaa jiru suuraafi  viidiyoon agarsiifamaa oole. Akkasumas  daawwatootaaf hojiin OCC beeksiisuufi ergawwan ijoo Korporeeshinicha ibsan dabarsuun danda’ameera.

Miseensonnii Boordii OCC   Gamoo Koomishiinii Polisii Oromiyaa daawwatan.

OCC Guraandhala 22, 2016 - Miseensonnii Boordii OCC   Gamoo Koomishiinii Polisii Oromiyaa daawwatan. Miseensonnii Boordii OCC  sadrakaa  ijaarsa Gamoo Koomishiinii Polisii Oromiyaa, Magaalaa Finfiinnee Laanchaatti argamu daawwatan. Xumura daawwannaa isaaniirratti OCCn gamoo ammayyaa teknooloojii si'anaatti fayyadamuun, qulqullina olaanan ijaaraa akka jiru himanii jiru. Hojiin hanga ammaatti hojjetame baayyee kan ajaa'ibsiifamuufi sadarkaa ijaarsaa OCCn irra ga'e kan ibsu ta'uu himuun, hojiin hafe ji'oottan 3 (sadii) kan hincaalle keessatti xumuramuu akka qabus dubbattaniiru.

Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa Gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 2ffaa gaggeeffamaa ture xumurame.

OCC Amajji 26, 2016 – Gamaaggamni Raawwii Hojii Kurmaana 2ffaa Bara 2016fi Karoora hojii ji'a jahaa guyyoota lamaaf Magaalaa Adaamaa Galama Abbaa Gadaatti Hoggantoota Waajjira Ol'aanaa, Dameewwaniifi Pirojektootaa Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaan gaggeeffamaa ture xumurame. Akkaatuma kallattii kaa'ameen gabaasni raawwii hojii kurmaana lammaffaa OCC waliigalaa, karoorri keessa deebii ji’a jahaa (revised plan), gabaasni odiitiifi ISOfi sirni madaallii walduraa duubaan erga dhihaatee booda, guyyoottan lamaaf marii tuutaan bal’inaan  marii’atameera. Dhumarrattis, Hojii raawwachiisaa Ol’anaan (CEO) Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa (OCC) Injinar Ashannaaffii Dhaabaa, Pirojektoota hunda yeroo kontiraataa taa'eef keessatti qulqullinaan xumuruufi tajaajila ummataaf dabarsuun akkuma eeggametti ta'ee, pirojektoota sababa adda addaatiin harkifatan xiyyeeffannoo addaatiin akka xumuran ibsaniiru. Haala rakkisaa keessatti hojiin hojjetame ajaa’ibsiifamuu akka qabu himuun, kallattii hojii gara fuula duraa kaa’anii jiru. Kallattiiwwan kaa’amanis:   Hojii kurmaana 1ffaa fi 2ffaa keessatti harca'ee hafe kurmaana 3ffaa keessatti daballee duguugnee hojjechuu,   Noormiifi Istaandardii mana hojii hordofuun madaalaa deemuu,   ERP, ISO fi Kaayizanii hojiirraa oolchuun dhimma murteessaafi dirqama ta'uu,   Humna namaa qabnu guddisuu, ga’oomsuu madaaluu, leenjisuu, hoggansa baasuu; kan rakkoo qabuufi irraa barachuu dide irratti tarkaanfii fudhachuu,   Suphaa mashinariifi konkolaattotaa keenya sirnaan hordofuu,   Hojii kamuu qulqullina, baayyinaafi ariitii ittiin hojjetameen madaaluu,   Karooraan hogganamuu,   Hannaafi hojmaata badaarratti qabsaa’uu,   Baasii xiqqeessuufi galii keenya dabaluu,   Rakkoo dhiyeessii hanbisuu,   Madaallii fi gabaasa hojii KPI irratti xiyyeeffachuu,   Gabaasa “cost” yeroo yerootti galmeessuu, qindeessuufi qaama barbaachisuuf erguu,   Gabaasa sobaa hanbisuufi kkf akka kallattiitti ibsa bal’aa waliin kaa’ameera.

Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa Gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 2ffaa gaggeessaa jira.

OCC Amajji 25, 2016 – Hoggantoonni Waajjira Ol'aanaa, Dameewwaniifi Pirojektootaa sadarkaa adda addaa Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa, Gabaasa Raawwii Hojii Kurmaana 2ffaa Bara 2016 irratti, Magaalaa Adaamaa Galama Abbaa Gadaatti marii eegalan. Hojii raawwachiisaa Ol’anaan(CEO) Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa (OCC) Injinaar Ashannaaffii Dhaabaa haasawaa baninsa waltajii taasisaniin, barbaachisummaafi dhimmoota ijoo irratti marii'atamuu qaban eeruun, kallattii marii waltajjii guyyoota lammeenii ibsanii jiru. Karoora xiiqii irratti marii'annee waliigaluun qulqullina, ariitiifi baayyina bu'uureffannee yaadama addaan hojjechuu akka qabnu waliigallee waan turreef, rawwii xiiqii taasifne moo hin taasifne kan jedhu waltajjiin kanaan sirritti kan madaallu ta'a jedhan. Ciminaafi hanqinaalee jiran adda baasuun hanqinaalee jiran furuufi keessaa ba'uun haala itti danda'amuu irrattis marii'annee hubannoofi ejjonnoo tokko qabanne ba'uun daran barbaachisaadas jedhaniiru. Dhumarattis gabasa raawwii keenyaa haalaan ilaallee, rakkootti abbaa goonee, yeroo hafe keessatti hojii keenya haala kamiin waltumsinee akka milkeessinu ni marii'atamas jedhan. Akkaatuma kallattii kaa'ameen gabaasni raawwii hojii kurmaana lammaffaa OCC waliigalaa, karoorri keessa deebii (revised plan), gabaasni odiitiifi ISOfi sirni madaallii walduraa duubaan erga dhihaatee booda, marii tuutaan dhimmoonni gabbifamuu qaban bal'inaan irratti marri'atamu jedhamee eegama.

Oromia Construction Corporation takes part in Pastoralist Expo 2024

CC January 27, 2024 G.C - Oromia Construction Corporation takes part in Pastoralist Expo. Oromia Construction Corporation (OCC) is taking part in East African Pastoralist Expo that opened on 26th January 2024 at Millennium Hall in Finfinnee, Ethiopia.

Oromia Construction Corporation takes part in Pastoralist Expo 2024

CC January 27, 2024 G.C - Oromia Construction Corporation takes part in Pastoralist Expo. Oromia Construction Corporation (OCC) is taking part in East African Pastoralist Expo that opened on 26th January 2024 at Millennium Hall in Finfinnee, Ethiopia.

.Pirojeektiin Ijaarsa Misooma Jallisii bishaan lafa jalaa Naannoo Sumaalee, Kuulanitti hojii eegale.

OCC Amajji 10, 2016 - Kabajamoo obbo Musxafee Mohaammad Umar Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Sumaaleefi Kabajamtuu Injinar Aayishaa Mohaammad, Ministirri Ministeera Misooma Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii, Naannoo Somaalee, Godina Siitii, Aanaa Kuulanitti Pirojektii Misooma Jallisii Bishaan Lafa jalaa qarshii biiliyoona 6.1n hojii eegalsiisan. Saganaticharratti Mootummaan jijjiiramaa horsiisee  bultaaf xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa akka jiruufi Naannooleen hunduu fayyadamoo akka ta'aniif dhimmaa jiraansaa himame. Pirojektiin kun jiraattota Naannaa kanaaf qofa osoo hintaane faayidaa inni akka biyyaatti qabus ol'aanaa ta'uun himameera. Pirojektichi lafa heektaara kuma 3 fi 316 misoomsuu kan danda'u ta’uunsaas ibsameera. Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa Pirojektii Misooma Jallisii Bishaan Lafa jalaa Kuulan, yeroo taa'eef keessatti qulqullina ol'aan ijaaree xumuree tajaajila Ummataaf ni oolcha.

Leenjiin Hojjettoota Waajjira Ol'aanaa KIO/OCC tiif guyyoottan sadiif keena ture xumuraame.

OCC Mudde 21, 2016 - Leenjiin Hojjettoota Waajjira Ol'aanaa KIO/OCC tiif guyyoottan sadiif mat-dureewwan garaa garaa irratti kennamaa ture xumurame. Mat-dureewwaan leenjiif dhiyaatan hundarratti ibsi gadifageenyaan erga kennamee mariidhaanis gabbifamee jira. -  Qabeenyaafi Badaadhina Uumuufi   Bulchuu. Mat-duree kana jalatti gosoota qabeenyaa qabnu addabaasuun beekuufi sirnaan dhimma itti ba'uufi qusachuun akka barbaachisu ibsamee jira. Qormaatileen akka biyyaatti qabeenya horchuuf gufuu ta'an akka jiranis eeruun, qormaatilee jiran dabarree akkaataatti qabeenya horachuun danda'amus ibsamee jira. -  Ijaarsa Seenessa Biyyoolessaa. Ijaarsa seenessa waloo keessatti gosootni seenessaa ibsamee jira. Haala qabatamaa biyya keenyaatiin garaagarummaan dhiimmoota adda addarratti jiraatus, seenessa waloo irratti xiyyeeffachuun kayyoo imala badhaadhiinaa galmaan ga'uuf dhimmuun murteessaa ta'uun himameera. -  Itoophiyaatti Siviil Sarviisii Tajaajilaafi Qaroome Ijaaruuf Yaalii Godheme  Keessatti Milkaa'inoota, Qormaatileefi Ajandaawwan Xiyyeeffannoo fuula duraa, jedhu jalattis, Biyyi jabduun biyya Siviil sarviisii cimaa qabdu ta'uu ibsuun, Siviilsarviisii ga'umsa qabu ijaaruuf rifoormiiwwan kanaan dura taasifaman hooggansiifi hojjetaan kutannoo gahaa qabu akka hin turre himameera. Siviil sarviisii walaba ta'e ijaaruun dirqama ta'uunis ibsamee jira. Siviil sarviisii walabaa gaafa jedhamus, hojjetaan siyaasa, amantaa, naannummaa, sabummaa kkf. irraa bilisaa ta'ee,  seera, labsii Mootummaa, qajeelfamafi hojmaata irratti qofa hundaa'uun ummata tajaajiluu akka qabu ibsa gahaan kennamee mariiniis gabbifamee jira. Dabalataanis Siviil sarviisiin biyya keenyaa beekumsa gahaa, dandeettii guddaa, ilaalchaa gaariifi naamusa bareedaa qabaatee ummata tajaajiluun dirqama ta'uunis himameera. Xumura leenjii kanaarrattis kallattiileen: - Daayirektoreetiifi Gareewwan hundi hanqinaalee irratti ka'e hundaa adda baasuun Manajimantiif gabaasuun, torban torbaniin madaaluufi kanneen fooyya'iniif hinhojjetammiin adda baasuun madaalaa deemuu, - Hojjettoonni hunduu karoora dhuunfaa akka qaban adda baasuufi madaalliin raawwii hojii bu'aa hojjetaan tokko OCCf  busuu irratti akka bu'uurefatuuf hojii guyyaa guyyaa galmeeffachaa deemuun murteessaa ta'uufi - Kaayyoo OCCn qabatee jiru galmaan ga'uuf Hoggansiifi Hojjetaan kamuu walaba ta'ee ummata isaa tajaajiluu akka qabuuufi milka'insa isaafis walmadaalaafi walqorachaa deemuun barbaachisaa ta'uu kaa'amee jira.

Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa garee raayyaa teeknoloojii hundeessuun leenjii hubannoo cimsu kenneera

Mootummaan Naannoo Oromiyaa hanqina dinagdee ijaarsa Oromiyaa furuudhaaf Korporeeshiinii ijaarsa Oromiyaa hundeessuun xiyyeeffannoon hojjechaa jira ~~~ Dhaabbileen ijaarsaa biyya tokkoo hojii isaaniif xiyyeeffannoo yoo laatan simboofi miidhagina ta'u. Dhaabbanni ijaarsaa Oromiyaa (OCCn) dhaabbata naannocha keessattis ta'e akka biyyaatti induustirii ijaarsaa keessatti hirmaachuun dorgomaa ta'ee hojjechuun bu'aa gaarii buusaa jirudha. Dhaabbata ijaarsaa jabaafi dorgomaa ta'e uumuuf ammoo hojimaataan hooggananii kalaqaafi teknoloojiin tumsuun ammoo dhimma induustiricha cimsuuti. Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaas kaayyoo hundaa'eef daran fiixaan baasuuf hojjettoota isaa garee raayyaa teeknoloojii hundeessuun leenjii hubannoo cimsu kenneera. Itti aanaa hoji geggeessaa olaanaa Korporeeshiinii Ijaarsa Oromiyaa Obbo Kaffaalee Ayyaanaa yaada laataniin Korporeeshinicha yeroo ammaa kanaa pirojektoota 200 ol kaappitaalaa guddaan ijaaraa jiraachuu ibsanii ogeeyyii ogummaan cimsuufi teknoloijiin deeggaramuu akka qabaniif leenjiin adda addaa kennamaa jiraachuu ibsaniiru. Miseensa boordii Korporeeshiinii hojiiwwan ijaarsaa Oromiyaa kan ta'an Hayyuun dinagdee Dr Guutuu Teessoo leenjifamtootaaf ergaa dabarsaniin amala duraanii keessaa bahuun teknoloojii ammayyaatti of madaksuun fayyadamuun karoora korporeeshinichaa milkeessuu keessatti ga'ee olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Xumura leenjichaa irratti kan argaman Hoogganaan Biiroo Misooma Magaalaafi Manneenii Oromiyaafi miseensi boordii Korporeeshinichaa obbo Muhaammad Guyyee korporeeshinii Ijaarsa Hojiiwwan Oromiyaa teekinoloojiidhaan utubuun moodela indaastirii ta’eefi uummata Oromoo madaalu akka ta’uuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu ibsanii rakkoolee jiran hiikuun dhaabbatichi dorgomaafi addunyaa irratti injifataa akka ta'uuf xiyyeeffannaan hojjetama jedhan.

Oromia Construction Corporation signed new contract

OCC December 8, 2023 G.C - Oromia Construction Corporation signed new contract commitment with Geda Special Economic Zone,   for the construction  of water supply with contract amount of 304,336,084.03 birr with vat & Drilling deep water Wells with contract amount of 178,664,345 birr wtih vat. We ensure the development of our country by completing the new projects we undertake with highest quality standards, ahead of schedule by satisfying the needs of our customers!

Hogantoonniifi Hojjettoonni Waajjira Ol'aanaa OCC Ayyaana Yaadannoo Qabsoo Waliigaltee Farra Malaammaltummaa kabajaan.

OCC Sadaasa 22, 2016 - Hogantoonniifi Hojjettoonni Waajjira Ol'aanaa KIO/OCC Ayyaana Guyyaa Yaadannoo Qabsoo Waliigaltee Farra Malaammaltummaa Idil-Addunyaa, akka Addunyaaatti yeroo 20ffaaf, akka biyya keenyaatti, yeroo19ffaaf fi akka Naannoo Oromiyaatti yeroo18ffaaf kabajamu, Magaalaa Finfinnee Galama Gudduu Gala Aadaa Oromootti kabajaa jiru. Ayyanni kun dhaadannoowwan: 1. Malaammaltummaan Diina Waloo Keenya Waan ta'eef Gamtaadhaan Irratti Haaqabsoofnu! 2. Malaammaltummaa Ittisuun Dinagdee Biyyaa Balaarraa Baraaruudha! 3. Malaammaltummaa Irratti Qabsaa'uunii fi Ittisuun Dirqama Lammii Hundaati kkf. Jedhuun kabajamaa jira.

Oromia Construction Corporation signed new contract

OCC November 27, 2023 G.C - Oromia Construction Corporation signed new contract commitment with Oromia Labour & Social Affairs  Beroue, for the construction of Bishoftu Poly Technc college with contract amount of 962 million birr.

Pirojektiin Ijaarsa Istaadiyoomii xiqqichaa Sulultaa qindoomina hawwataan ijaaramaa jira.

OCC Sadaasa 17, 2016 – Pirojektiin Ijaarsa Istaadiyoomii xiqqichaa Sulultaa qindoomina hawwataan ijaaramaa jira. Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Sulultaatti Pirojektii Ijaarsa Istaadiyoomii xiqqichaa Sulultaa, gatiin kontoraata isaa vaatii dabalatee qarshii Miliyoona 275 yommuu ta’u, yeroo pirojektichaaf kaa’ame guuyyoottan 540 dha. Ijaarsi pirojektii kanaa hojii gar-tokkeen (subcontract) qaama biraaf kennamee  erga eegalamee waggaa tokko lakkoofsisus, sababa dhadhabina kontiraakatara hojii gar-tokkee fudhatee (subcontractors’ weakness), haala yeroofi rakkoo dhiyeessiin osoo hin hojjetamiin tureera. Hogantoonni OCC waajjira ol’aanaa rakkoo kana hubachuun hojii kana ofii hojjechuuf murteessanii garee ijaaruun gara pirojektii kanaatti erguun bifa haaraan ijaarsi erga eegalamee  ji’a lama lakoofsisee jira. Hojii gaggeessaan Pirojektii  kanaa Injinar Naa’ol Alamuu akka himanitti, gareen ijaaramee gara Pirojektii kanaatti ergame halkaniifi guyyaa haala qindoomina qabuun hojjetee, hojii biyyee hafuu ( earth work) parsantaa  90 irraan qaqqabsiisee akka jiru dubbatu. Gareen kun yeroo hojiif ergametti bakka istaadiyoomiin ijaaramu irra bishaan ciisee waan jiruuf hojjechuuf rakkisaa ta’u illee, ogummaatti fayyadamuun bishaan yaasuun (drain) gochuuniifi gadifageenya meetira 1.20cm haga meetra 1.80cm muranii biyyee duraan ture maksuun, sadarkaa kanarra akka qaqqabsiisanis ni dubbatu. Sa’aa hojii dheeressuun haala qidomina cimaa qabuun waan hojjechaa jirruuf dalla marsaa Istaadiimii kanaas ji’a tokko keessatti ijjrree xumurre jedhan. Yeroon pirojektii kanaaf kenname keessaa kan hafe  guyyoota 120 yoo ta’u hojii biyyee hafuufi hojii sivilii (sivil work) nu hafu guyyoottan 90 keessatti xumuruuf, hojjettoonni as jirru hunduu miiraa abbummaan hijjechaa jirra jedhu Injinar Naa’ol. "Deeggarsi waajjira ol’aanaa irraa nuuf taasifamaa jiru baayyee garii ta’uufi akkataan hojii keenya itti hoganaa jirru qindaa ta’uunsaa hojii kana yeroo jedhame keessatti xumuruuf nu dandeessisa," jedhan hojii gaggeessan Pirojektichaa. Konkolaattotta  fe’isaa biyyee dirreerra afamu deddeebisaniif kaardii qopheessinee yeroo fe’anii ba’an kaardii irratti sa’aan galmaa’ee kennamee, yommuu qaqqaban kaardii kennameef deebisanii waan seenaniif, miraa dorgommiin akka hojjetan sirna hordoffii mijaawwa akka qabani himuun, miira hojii hojjettoonni pirojektichaa  hundi qabaniif hojjettoota isaanii galateefatanii jiru hojii Gaggeessan Pirojektii kanaa. Dhuma irratti Injinar Naa’ol namni kamiyyuu bakka jirutti miira abbummaan hojii kennameef yeroo ta’eef dursee xumuruun, karoora xiiqii OCCn qabatee jiru milkeessuuf cichuu akka qabu dhaamanii jiru.

Hoggantoonniifi Hojjettoonni Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa Biqiltuu kunuunsani

OCC Sadaasa 11, 2016 – Hoggantoonniifi Hojjettoonni Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa Biqiltuu kunuunsani. Hojjettoonniifi Hogantoonni Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa, biqiltuu  Magaalaa Bishooftuu kutaa Magaalaa Duukaamitti sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabanii turan,  guyyaa har'aa kunuunsanii jiru. Sagantaa kanaan hojiin marga biqiltuu dhaabame irraa aramuu, itti qofforuufi bishaan obaasuu hojjetamee jira.

Leenjiin "Enterprise resource planning" (ERP)

OCC Sadaasa 02, 2016 – Leenjiin "Enterprise resource planning" (ERP) Manaajimantiifi Dursitoota Garee Waajjira Ol'aanaa Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa (OCC) tiif  guyyoota lamaaf Magaalaa Bishooftuutti kennamaa ture goolabame. Leenjichi Miseenseta Manajimantiifi Dursitoota Gareewwaanii akkataa walitti dhufeenya hojiitiin garee adda addaatti qoqqooduun haala hawwataafi bilchina qabuun kennamaa ture. Xumura leenjii kanaarrattis, siistamichi haalaa gaariin hojjetamee akka jiruufi gara pirojektootaattis babal'isuun namni kamuu dafee hojiitti hiikuu akka qabu kallattiin kaa'ameera.

OCC Gamaggama Raawwii Hojii Kurmaana 1ffaa Bara 2016 Magaalaa Adaamaatti gaggeefamaa ture xumurame.

OCC Onkoloolessa 25, 2016 – Hoggantoonni Waajjira Ol'aanaa, Dameewwaniifi Pirojektootaa sadarkaa adda addaa Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa, Gamaggama Raawwii Hojii Kurmaana 1ffaa Bara 2016 Magaalaa Adaamaatti guyyoota lamaaf gaggeefamaa ture xumurame. Kallatti akka Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kaa'ameen karoorri bara 2016 karoora xiiqii waan ta'eef akka OCCtti karoora qabanne kaane 100% ol (hundred plus) mileekeessuuf xiyyeeffannoo addaan hijjetamuu akka qabu irra deddeebiin ibsameera. Kallattii Mootummaan "Kalaqaafi ariitiin hojii hojjechuu," jedhee hojjechaa jiru akka Korporeeshinii keenyaatti hojiitti hiikuuf xiiqeffannee hojjechuu qabna jedhamee jira. Marii tuuta tuutaan taasifame irratti hoggantoonni Waajira Ol'aanaa, Dameeleefi Pirojektootaa hojii isaan ilaalu mariin gabbisuun hanqinoota marii irratti ka'an akka galteetti fudhachuufi fuula duratti haqinaalee fala barbaadaaniif fala kennuun si'oominaafi qulqullinaan hojii fuula dura hojjechuuf waliigalameera. Dhimmoonni marii kaassatti ka’an: 1.  Sirni bulchiinsa faayinaansii fooyya’uu akka irra jiraatu, 2.  Bulchiinsiifi ittifayadami qabeenyaa OCC hanqina waan qabuuf ammayyeeffamuu akka qabu, 3.  Seera (norms) ijaarsaa hirmaattotaaf dhihaate hojitti hiikuun dirqama ta’uu, 4.  Gabaasni kamuu qulqulluufi yeroo isaa kan eeggate ta’uu akka qabu, 5.  ERP guutummaan guutuuttii hojiira olchuun dirqama ta’uu 6.  Aadaa hojii bakka maratti bifa walfakkaatuun fooyyessuufi ammayyeessuu faadha. Hojii raawwachiisaa Ol’anaan Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa (CEO) Ijinaar Ashannaafii Dhaabaa haasawaa cuffiinfa waltajichaa irratti taasisaniin kallattiilee hojii armaan gadii kaa’aaniiru: a.  Karoora xiiqii hubachuun milkeessuuf xiiqeffachuun halkanii guyyaa hojjechuu. b.  Raawwiin kurmaana 1ffaa  gadi aanaa waan ta’eef karoora keenya irra deebinee ilaaluun kurmaana 2ffaatti raawwii ol’aanaaf of qopheessuu. c.  Pirojektoota hojjechaa jirru qulqullinaan yeroo taa’eef keessattii dabarsuu akka qabnu. d.  Bulchiinsa qabeenyaa fooyyessuu; meeshaalee man-kuusaa keessaa ERPn galmeessuu, maashinariifi konkolaattota sirnaan bulchuu. e.  Bulchiinsa faayinaansii keenyaa sirreessuu; qusannaa aadaa godhacuu, hanna hanbisuu. f.  Humna namaa sirnaan bulchuu. g.  Sirna qabiinsa raagaa keenyaa fooyyessuufi qabaasa qulqulluu yeroo dabarsuu. h.  Qidoomina ariitii, baayyina, qulqullinafi kalaqa hojii keeny guyyuu madaalaa deemuu.

OCC Onkoloolessa24, 2016 – Hoggantoonni Waajjira Ol'aanaa, Dameewwaniifi Pirojektootaa Magaalaa Adaamaatti marii eegalan

OCC Onkoloolessa24, 2016 – Hoggantoonni Waajjira Ol'aanaa, Dameewwaniifi Pirojektootaa sadarkaa adda addaa Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa, Gabaasa Raawwii Hojii Kurmaana 1ffaa Bara 2016 irratti, Magaalaa Adaamaatti marii eegalan. Hojii raawwachiisaa Ol’anaan Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa (CEO) Ijinaar Ashannaafii Dhaabaa haasawaa saaqinsa waltajii taasisaniin, dhimmoota ijoo irratti marii'atamuu qabaniifi waltajjii kanaan fala argachuu qaban eeruun, kallattii marii waltajjii guyyoota lammeenii ifoomsanii jiru. Akkaatuma kallattii kaa'ameen gabaasni raawwii hojii kurmaana tokkoffaa OCC waliigalaa erga dhihaatee booda, marii tuutaan dhimmoonni gabbifamuu qaban bal'inaan irratti marri'atamu jedhamee eegama.

Pirojektiin qotiinsa boolla bishaanii gadifagoo Magaalaa Moojoo xumuramaa jira.

OCC Onkoloolessa 19, 2016 – Pirojektiin qotiinsa boolla bishaanii gadifagoo Magaalaa Moojoo Zoonii Diinagdee Gadaa (Gada Special Econmic Zone) tti OCCn qotamaa jiru qulqullina olaanaan hojjetamee xumuramaa jira. Gadifageenyi boolla bishaan kanaa meetira 600 yommuu ta'u, sekondii tokkotti naanoo liitira 150 maddisiisuu ni danda'a. Seenaa OCC keessatti gadi fageenya meetira 600 qotuun isa jalqabaati.

pirojektiin qotiinsa boolla bishaanii, Magaalaa Finfinnee Mana Murtii Waliigalaa Oromiyyatti xumuramaa jira.

OCC Onkoloolessa 04, 2016 – pirojektiin qotiinsa boolla bishaanii, Magaalaa Finfinnee Mooraa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyyatti, OCCn hojjetamaa jiru xumuramaa jira. OCCn hojiiwwan ijaarsa pirojektootaa gamoowwanii, bishaan dhugaatii, jallisiiwwanii, hidha laggeenii, ijaarsaafi supha daandiiwwaniifi riqaalee akkasumas qotiinsaafi misooma bollawwan bishaanii gaggabaaboofi gadifagoo haala qulqullina isaa eeggateen,  yeroo kontoraataa taa'eef dursee ijaaree xumuruun, tajaajila hawaasaaf oolchuurratti argama. Qotiinsaafi Misoomni boolla bishaanii qotiinsa boollaa, haaromsa boollaafi sakkata’iinsa boolla bishaanii of keessatti hammata. Gabaasa raawwii hojii bara 2015 irraatti hojii qootiinsa boollaan  Qr. 354,723,041.23 ta’u hojjechuuf karoorfamee, hojii Qar. 520,353,836.86 (%143.5) ta’u raawwachuun akka danda’ame ibsameera. Raawwiin kunis kan baroota darbaniirra fooyyee guddaa kan agarsiise ta'uunis himameera. Bara kanas raawwii ol'aanaa galmeessisuudhaaf ciminaan hojjchuurratti argama.

Irreechi Faajjii Tokkummaafi Obbolummaati!

OCC Fulbaana 25, 2016 – Baga Sirna Kabajaa Ayyaana Irreechaa Bara 2016n Nagaan isin ga'e! Ayyanni irreechaa ayyaana guddaa Oromoon uumaa isaa ittiin galateeffatudha. Waaqa Malakaafi Tuulluu Uume dinqisiifachaa, bacaqii gannaa keessaa baasee booqaa birraatti ceesisuu isaaf immoo galatoo galfata. Akkasumas Ayyana irreechaa irratti kan waldhabe ni araarama; hunduu dhiifama gochuun garaa qulqulluun waktii bishaan booruu ture itti qulqullaa'utti Waaqa qulqulluuf galata galcha. Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa Ummata Oromoofi Itoophiyaa hundaan baga Ayyaana guddaafi kabajamaa kanaan nagaan isin ga'e jedha! Ayyanni kun: kan nagaa, jaalalaafi tokkummaa akka isinii ta’u hawwa!                   KIO/OCC

Irreechi Faajjii Tokkummaafi Obbolummaati!

OCC Fulbaana 25, 2016 – Baga Sirna Kabajaa Ayyaana Irreechaa Bara 2016n Nagaan isin ga'e! Ayyanni irreechaa ayyaana guddaa Oromoon uumaa isaa ittiin galateeffatudha. Waaqa Malakaafi Tuulluu Uume dinqisiifachaa, bacaqii gannaa keessaa baasee booqaa birraatti ceesisuu isaaf immoo galatoo galfata. Akkasumas Ayyana irreechaa irratti kan waldhabe ni araarama; hunduu dhiifama gochuun garaa qulqulluun waktii bishaan booruu ture itti qulqullaa'utti Waaqa qulqulluuf galata galcha. Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa Ummata Oromoofi Itoophiyaa hundaan baga Ayyaana guddaafi kabajamaa kanaan nagaan isin ga'e jedha! Ayyanni kun: kan nagaa, jaalalaafi tokkummaa akka isinii ta’u hawwa!                   KIO/OCC

Irreechi Faajjii Tokkummaafi Obbolummaati!

OCC Fulbaana 25, 2016 – Baga Sirna Kabajaa Ayyaana Irreechaa Bara 2016n Nagaan isin ga'e! Ayyanni irreechaa ayyaana guddaa Oromoon uumaa isaa ittiin galateeffatudha. Waaqa Malakaafi Tuulluu Uume dinqisiifachaa, bacaqii gannaa keessaa baasee booqaa birraatti ceesisuu isaaf immoo galatoo galfata. Akkasumas Ayyana irreechaa irratti kan waldhabe ni araarama; hunduu dhiifama gochuun garaa qulqulluun waktii bishaan booruu ture itti qulqullaa'utti Waaqa qulqulluuf galata galcha. Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa Ummata Oromoofi Itoophiyaa hundaan baga Ayyaana guddaafi kabajamaa kanaan nagaan isin ga'e jedha! Ayyanni kun: kan nagaa, jaalalaafi tokkummaa akka isinii ta’u hawwa!                   KIO/OCC

Hoggantoonni OCC Waajjira Ol'aanaa, Dameewwaniifi Pirojektootaa Magaalaa Adaamaattii marii eegalan.

OCC Adoolessa 26, 2015 – Hoggantoonni Waajjira Ol'aanaa, Dameewwaniifi Pirojektootaa sadarkaa adda addaa Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa, Gabaasa Raawwii Hojii Bara 2015fi Qophii Karooraa Bara 2016 irratti, Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti marii eegalan.

Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa ,Gabaasa Raawwii Hojii Bara 2015 fi Qophii Karooraa Bara 2016 irratti marii’atan.

OCC Adoolessa 14, 2015 – Hoggantoonniifi Hojjettoonni Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa Waajjira Ol'aanaa, Gabaasa Raawwii Hojii Bara 2015fi Qophii Karooraa Bara 2016 irratti marii’atan. Gabaasa raawwii hojii bara 2015 keessatti OCCn kallattii hundaan jijjiirama qabatamaa akka galmeesse ibsameera. Raawwii bara kanaa keessatti akka raawwii gariifi injifannoowwan gurguddootti fudhatamani: Siistama ERP Diriirsuu, waraqaa raga ISO 9001 Certification fudhachuu, waraqaa raga dhaabbata Abisiiniyaa awwaardi irraa argachuu, hojii ijaarsa asfaaltii eegaluu, boolla bishaanii meetira 500 ol qotuu eegaluufi maashinarootaafi konkolaattota gosa adda addaa 143 bitachuu danda’uufaa dha. OCCn bara kana Qarshii Biliyoona 9.2 hojjechuuf karoorfatee Qarshii Biiliyoona 8.8  parsantaa 95.5 hojjetee jira. Pirojektoota 63 xumuruuf karoorfatee pirojektoota 97 xumuree jira. Raawwiin kun kan bara darbee walbira qabamee yommuu madaalamu parsantaa 21n caalamaa argamsiisee jira. Hojii raawwachiisaa Ol’anaa korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa (CEO) Ijinaar Abdoo Galatoo dhuma waltajjiirratti kallattiiwwan armaan gadii kaa’anii jiru.   - Hojjettoonni kamuu harcaatii tokko malee sa’aa hojii eeguun hojiirratti argamuu akka qabaniifi kunis haalaan to’atamuu akka qabu;   - Hojjettoonnifi gaggeessitoonni boqonnaa wagaa ba’uun dirqama waan ta’eef, dabareedhaan boqonnaa waggaa ba’uun akka irra jiraatu’   - Ayyaanni waggaa kan pirojektiin cufamuu danda’u Ayyanaa Bara haaraa qofa waan ta’eef, Kanaan ala hojjetaan kamuu boqonnaa waggaatti qofa akka fayyadamuu;   - Karoora bara 2016 kan hojiitti jijjiiru hojjettoota waan ta’eef hojjetaan kamuu amanee ofitti fudhatee kutannoo guddaan hojjechuu akka qabuufi   - Hojjetaan kamuu karoora waggaan kan dhuunfaa qopheeffachuu akka qabu kallattiin taa’ee jira.

Oromia Construction Corporation Annual Career Expo

Oromia Construction Corporation Annual Career Expo in collaboration with Addis Ababa Science and Technology University (AASTU

Hojjettoonni Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa Ashaaraa magariisaa irratti hirmaataan jiru.

OCC Adoolessa 10, 2015 – Hojjettoonni Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa  duula  Ashaaraa magariisaa irratti hirmaachuun biqiltuu dhaabuu eegalan. Hojjettoonni Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa, sagantaa Ashaaraa Magariisaan duula biqiltuu Miiliyoona 500 guyyaa tokkotti akka biyyaatti dhaabuuf qabame milikeessuuf, ganamaan ba'uun biqiltuu dhaabuu eegalanii jiru.

Pirojektiin Ijaarsa Finna Oromiyaa Kallee Golbaa Eebbifame.

OCC Finfinnee, Waxabajji 27, 2015- Pirojektiin Ijaarsa Finna Oromiyaa Kallee Golbaa Eebbifame. Godina Baalee Lixaa Aanaa Dalloo Mannaatti, Pirojektiin Finnaa Kalee Golbaa Qarshii Miiliyoona 300 fi Miiliyoona 95n OCCn qulqullinaafi yeroo taa'eef keessatti ijaaramee xumuramee guyyaa har'aa eebbifame. Pirojektiin kun, Ol ka'iinsi isaa meetira 25 dheerinni dalgaa isaa Meetira 402 ta'ee Bishaan Meetirkiyuubii Miiliyoona 3 qabachuu ni danda'a. Hidhi kun ijaarsi isaa eegalee turtii yeroo ji'a ja'a hin caallee keessatti bishaan qabatee jiraattota naannootiif tajaajile kennuu eegale.  Fulla duraattis tajaajila bishaan dhugaatii namaafi beeyladaatiif  tajaajiluurra darbee, lafa hekaatara 150 ta’u jallisiin misoomsuus ni danda’a. Naannoon ijaarsa pirojektii kanaas kan sababa hongeetiif irraa godaanan osoo hin taane, bakka itti godaananii hojjechuun itti badhaadhaan ni ta'a jedhamee abdatama.

Pirojektiin Ijaarsa bishaan dhugaatii Magaalaa Gincii Eebbifame.

OCC Finfinnee, Adoolessa 01, 2015- Pirojektiin Ijaarsa bishaan dhugaatii Magaalaa Gincii Eebbifame. Pirojektiin Ijaarsa Bishaan Dhugaatii Magaalaa Gincii, yeroo kontoraataa taa'eef keessatti qarshii miliyoona 310n, Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaatiin qulquullinaan ijaaramee xumuramuun guyyaa har'aa eebbifame.

Pirojektiin Ijaarsa Finna Oromiyaa Kallee Golbaa Eebbifame.

OCC Finfinnee, Waxabajji 27, 2015- Pirojektiin Ijaarsa Finna Oromiyaa Kallee Golbaa Eebbifame. Godina Baalee Lixaa Aanaa Dalloo Mannaatti, Pirojektiin Finnaa Kalee Golbaa Qarshii Miiliyoona 300 fi Miiliyoona 95n OCCn qulqullinaafi yeroo taa'eef keessatti ijaaramee xumuramee guyyaa har'aa eebbifame. Pirojektiin kun, Ol ka'iinsi isaa meetira 25 dheerinni dalgaa isaa Meetira 402 ta'ee Bishaan Meetirkiyuubii Miiliyoona 3 qabachuu ni danda'a. Hidhi kun ijaarsi isaa eegalee turtii yeroo ji'a ja'a hin caallee keessatti bishaan qabatee jiraattota naannootiif tajaajile kennuu eegale.  Fulla duraattis tajaajila bishaan dhugaatii namaafi beeyladaatiif  tajaajiluurra darbee, lafa hekaatara 150 ta’u jallisiin misoomsuus ni danda’a. Naannoon ijaarsa pirojektii kanaas kan sababa hongeetiif irraa godaanan osoo hin taane, bakka itti godaananii hojjechuun itti badhaadhaan ni ta'a jedhamee abdatama.

Ijaarsi Pirojektii  Bishaan Dhugaatii Magaalaa Bordoddee  xumurame.

OCC Finfinnee, Waxabajji  22, 2015 - Ijaarsi Pirojektii  Bishaan Dhugaatii Magaalaa Bordoddee  xumurame. Godina Harargee Lixaa, Aanaa Gumbii Bordoddee, Magaalaa Bordoddeetti  bishaan dhugaatii ummata 25,000 (kuma digdamii shan) oliif taajaajila kennu  qarshii Miiliyoona 100fi Miiliyoona 58n ijaaramee xumurame.  Akka Injinar Geetaachew  Isheeteerra odeeffannetti,  pirojektiin kun  pirojektoota Bishaan Dhugaatii 11 bara kana OCCn walharkaa fuudhinsa raawwachuuf  karoorfate keessaa tokko yommuu ta’u, hanga  yoonaatti  Pirojektoota  8 walharkaa fuudhinsi raawatamee jira. “Gammoojjii kana keessa rakkoon bishaan dhugaatii hammaataan rakkachaa turree, amma boonoo bishiaanii balbala keenyatti argachuun, gammachuu jechaan ibsachuu hindandeenye nutti horera,” jedhan jiraattonni naannoo.

Ijaarsi Pirojektii Jallisii Laga Ciroo xumurame.

OCC Finfinnee, Waxabajji 20, 2015- Ijaarsi Pirojektii Jallisii Laga Ciroo xumurame. Godina Harargee lixaa  Aanaa Mi'eessootti Ijaarsi Pirojektii Jallisii  Laga Ciroo, Lafa hektaara 400 ol misoomsuu danda'uufi Abbaa Warra 420 oliif tajaajila kennuu Qarshii Miliyoona 57n ijaaramee xumurame.

Ijaarsi Pirojektii Bishaan Dhugaatii Bororee xumurame.

OCC Finfinnee, Waxabajji 16, 2015- Ijaarsi Pirojektii Bishaan Dhugaatii Bororee xumurame. OCCn Godina Baalee bahaatti, Pirojektii Bishaan Dhugaatii Bororeefi naannoo ishii qarshii miliyoona 300 oliin yeroo ta'eef keessatti qulqullinaan ijaaree xumuree,  walharkaa fuudhinsa jalqabaa taasise.

Pirojektiin Ijaarsa Bishaan Dhugaatii  Galdiyaa  eebbifame.

OCC Waxabajji  26, 2015- Pirojektiin Ijaarsa Bishaan Dhugaatii  Galdiyaa  eebbifame. Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamaatti  Pirojektiin Bishaan Dhugaatii  Ummata kuma saddetii oliif tajaajila kennuu danda’u,  Qarshii  Miliyoona 91.4n ijaaramee xumuramuun eebbifame.

Pirojektiin bishaan dhugaatii Magaalaa Caancoo xummuramee eebbifamee.

Pirojektiin ijaarsa bishaan dhugaatii Magaalaa Caancoo ijaarsi isaa xummuramee guyyaa har'aa hooggantoonni ol'aanoo Naannoo fi Godiina, Aanaa fi Bu. Magaalaa akkasumas ummanni magaalaa Caancoo bakka argamanitti eebbifamee jira.

Pirojektiin Ijaarsa Hospitaala Diimaa Magaala Sabaata eebbifame.

OCC Waxabajji 23, 2015- Pirojektiin Ijaarsa Hospitaala Jalqabaa Diimaa, Sadarkaa I/A Pirezidaantiitti Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kabajamoo Dr. Tashoomaa Addunyaatiin  eebbifame. Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Waajjirri Bulchiinsa Kutaa Magaalaa Sabbataa, Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa (OCC), qulqullinaafi yeroon ijaaree taajijila Ummataaf  oolchuun gahee ol'aanaa waan xabateef waraqaa ragaa galateeffannaa keenneefii jira. OCCn hojiiwwan Kontoraataa harkaa qabu si'oominaan ijaaree xumure dabarsuun qabatamaan aantumma ummatasaaf qabu mul'isaa jira.

Pirojektiin Ijaarsa Babal'suu Hospitaala Shaashamannee eebbifame.

OCC Waxabajji 23, 2015-  Pirojektiin Ijaarsa Babal'suu Hospitaala komp.Ispesh. Shaashamannee qulqullina olaanaan ijaaramee, Hogganaa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa Kabajamoo Obbo Fiqaaduu Tasammaatiin eebbifame. Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa (OCC), yeroo kontoraataa taa'eef keessatti, Qulqullinaanfi haala baasii qusataa ta'een ijaaree taajijila Ummataaf oolchuun kan beekamu, Hispitaala Shaashamannee dabalatee gamoowwan garaa garaa ijaaree xumuruun eebbisiisuurratti argama.

Ijaarsi Pirojektii Finna Oromiyaa Kallee Golbaa sadarkaa xumuraarra ga'ee jira.

OCC Finfinnee, Waxabajji 12, 2015- Ijaarsi Pirojektii Finna Oromiyaa Kallee Golbaa sadarkaa xumuraarra ga'ee jira. Godina Baalee Lixaa, Aanaa Dalloo Mannaa, Ganda Kallee Golbaatti Pirojektiin Hidha bishaanii Finna Oromiyaa Kallee Golbaa ijaaramee sadarkaa xumuraarra ga’ee jira. Pirojektii kun bakka bishaan argachuun baayyee rakkoo ta’etti ijaarsis erga eegalee turtii ji’a ji’a ja’a keessatti bishaan akka kuufamu gochuun rakkoon bishaanii naanno kanaa akka furamu godheera. “Galteewwan ijaarsa hidha kanaa barbaachisoo ta,an bakka dhiyootii qorannee argachuu, mashinaroota ammayyaatti fayyadamuufi humna namaa quuqamaan hojjetu sirnaan hogganuun hojii guddaa kana waggaa took keessatti xumuuf nudandeessiseera;” jedha itti gaafatamaan Pirojektii kanaa Injinar Muluuqan Minwuyyeelet. Hidhi kun kan gadi qotamee Iskaaveet ta’e dabalatee meetira 35 kan dheeratu yoommu ta’u, tajaajila bishaan dhugaatii namaafi beeyladaa ta’uurra darbee, lafa hekaatara 150 ta’u jallisiin misoomsuus ni danda’a. naanichisa kana waktii roobaa eeggachuun bakka sana jiraatiin irraa godaanan osoo hin taane, bakkatti hojjetamanii jiijjiiramuun badhaadhan ni taasisa jedhamee abdatama. Jiraattonni naannaas, “qabamuun bishaan kanaa seenaa naannoo kanaa jijjiiree akka waan lammata dhalannee nu taasise,” jedhu.

jaarsi Pirojektii Finna Oromiyaa Kattaa Dibbee  xumurarra ga'ee jira.

Godina Baalee bahaa, Aanaa Sawweenaa Ganda Katta Dibbeetti Pirojektiin Finna Oromiyaa Kattaa Dibbee turtii waggaa tokkoo keessatti parsantaa 90 ijaaramee xumurarra ga'ee jira. "Rakkoo hammaataa hawaasni keessa jiru hubachuun, hojjetaan kamuu dhimamee xiiqiin hojjechuufi sa'aa hojii dheeressuun, guyyaatti sa'aa 15 hojjechuudhaan wagaa tokko keessatti hidha hojjennee goolabne," jedhan hojii gageessaan pirojektichaa Injinar Abbabaa Siisay. Pirojektiin gammoojjii lolaa rooba eeggatee yaa'ee darbu malee bishaan fufinsaan yaa'u argachuun matumaa hindanda'amne keessatti hidha hidhuun galaanni guddaan akka ciisu taasisuun hojii ajaa'ibaa hojjechuun danda'amera. Dalgee (dheerinni) hidhaa kanaa meetir 690 yommuu ta'u gara duubaatti kiilometira1.7 irra bishaan ciisuu ni danda'a. Olka'insi isaa kan gadi qotamee dhidhiitame dabalatee meetira 35 yommuu ta'u, bishaan metirkiyuubii miliyoona 11.4 qabachuu ni  danda'a. Akkasumas lafa hektaara 1500 jallisiidhan misoomsuun abbaa warraa 3000 ol fayyadamtoota ni taasisa. Hidhi kun erga hojjechuu jalqabamee ji'a muraasaa eegalee hawaasa naannoof tajaajila kennuun rakkoo godaansa maqsee jira. Jiraattonni naannoos, qabamuu bishaan kanaan dachee osoo jaallannuu sababa goginsaan irraa godaanaa turre  irratti, karoora guddinaafi misoomaa karoorfachuu dandeenyeera jedhan. Itti gaafatamaan pirojektii kanaa Injinara Abbabaa Siisay "Mootummaan gommoojjiiwwan Oromiyaa keessatti Finnaawwan akka jiraaman murteessuun, murtoo sirrii ta'uu qabatamaan pirojektii mirkaneessedha; bakkeewwan biroottis itti fufee hojii akkanaa hojjetamuu qaba," jedhan.

Pirojektii Ijaarsa Daandii Gudar Amboo xumuraa irra gahe jira.

Pirojektii Ijaarsa Daandii Gudar Amboo xumuraa irra gahe jira.

Gamaggamni Raawwii Hojii Kurmaana 3ffaa  Waajjira Ol’aanaa OCCtti adeemsifame.

OCC Ebla 23, 2015 – Gamaggamni Raawwii Hojii Kurmaana 3ffaa  Waajjira Ol’aanaa OCCtti adeemsifame. OCCn, gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 2ffaa yommuu taasise hanqinootaafi rakkoolee hojii keessatti qunnaman erga adda baasee booda,  kallatti itti furaman irratti waliigaluun, hojiitti akka seenamu taasisee waantureef, kurmaana 3ffaa keessatti hojii gaariin hojjetamuu danda’eera. Kurmaana 3ffaa kana keessatti hojii Qr.2,675,891,380.77 tti tilmaamamu hojjechuuf   karoorfamee, hojii Qr. 2,835,094,660.88 (%106) ta’u karoora ol raawwatamee akka jiru himame. Akka waliigalaatti Hanga kurmaana 3ffaa  tti  hojii Qr.5,412,286,235.10 tti tilmaamamu hojjechuuf   karoorfamee, hojii Qr. 5,565,871,501.34 (%103) ta’u raawwachuun akka danda’amees ibsamee jira.  Raawwiin haga kurmaana sadaffaa kunis karoora waggaa irraa %60 irra gahee kan jiru yoommu ta’u, hojiilee hafan yeroo hafe keessatti raawwachuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa akka jirus dubbatameera. Hojii ijaarsa pirojektootaa gosa adda addaa Kan harka turaniifi haaraa, waliigala pirojektoota 164 keessaa Pirojektoota 63  xumuruun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf karoorfatee ka’e keessaa Pirojektoota 46 (%73) xumuruu danda’era. Kurmaana 4ffaa keessattis kallattii Mootummaan kaa’e dhugoomsuufi Qar. Bil 3.3 hojjechuufi raawwii isaa parsantaa 100 ol taasisuudhaaf kuttannoon hoojechuu akka qabu kallattiin kennamee jira.

Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa Badhaasa industirii Dhaabbata BadhaasaaAbyssinia Award"n qophaa'e injifatee badhaafame.

OCC Bitootessa 24, 2015 - Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa Badhaasa industirii biyyaa keessatti yeroo jalqabaatiif gaggeeffame Dhaabbata Badhaasaa "Abyssinia Award"n qophaa'e injifatee badhaafame. Sirna dorgommiifi badhaasa kanaan raawwii hojii hanga Bara 2014n ulaagaalee 35niin madaalamee injifachuudhaan Korporeeshiniin keenya Badhaasa Geeba Kabajaa sadarkaa Ol'aanaa, badhaasa Niishaaniifi Diippiloomaa Ol'aanaafi badhaasa sirna hojii hooggansa qulqullinaa gonfatee jira.

Korporeeshiniin ijaarsaa Oromiyaa (OCC) Konkolaattota Siinoo Tiraakii 50 bitee gara Pirojektootaatti ergaa jira.

OCC Bitootessa 6, 2015 - Korporeeshiniin ijaarsaa Oromiyaa (OCC) Konkolaattota Siinoo Tiraakii (Sinotruck) 50 bitee gara Pirojektootaatti ergaa jira. Korporeeshiniin Ijaarsaa Oromiyaa (OCC), Korporeeshiniin ummataa, misooma ummata isaaf hojjetu, Pirojektoota rakkoo ummataa furu, jiruuf jireenya isaa fooyyessuufi fayyadamummaa isaa mirkaneessu qulqullinaa olaanaafi yeroo ta'eef keessatti ijaaree xumuruun aantummaa isaa mirkaneeffatee jira. Akkasumas Ergama isaa galmaan ga’uufi bu'aa qabeessummaa isaa mirkaneessuuf kan isa dandeessisu humna raawwachiisumma isaa gama hundaan cimsachuurratti argama. Guyyaa har'aas Konkolaattota Siinoo Tiraakii (Sinotruck) 50 haaraa bitee gara hojiitti bobbaasaa jira.

Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa hawwaasa Godiina Booranaa gogiinsan rakkachaa jiraniif bishaan dhiyeessaa jira

OCC Bitootessa 5/2015 Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa(OCC)n hawwaasa Godiina Booranaa, Aanaa Dilloofi Aanaa Eelwayyaa rakkoo gogiinsa qilleensatiin rakkachaa jiraniif bishaan dhiyeessaa jira. Korporeeshinichi pirojeektii bishaan dhugaatii km 80 dheeratu ijaaraa kan jiru yommuu ta'u pirojeektichi yommuu xummuramu ummata aanolee Dilloo, Eelwayyaa fi yaa'a ballootiif kan tajaajilu ta'ee yeroo ammaa hojii ijaarsa pirojeektichaa cinaatti bakka sarari isaa qaqqabetti aanaa dillo fi eelwayyaa keessa gandoota 8 abbaa warraa 1200 fi beellada 23500 oliitiif bishaan dhiibee dhiyeessuudhan rakkoo hanqina roobatiin hawwasa rakkachaa jiruuf deeggarsa taasisaa jira. Dabalataan korporeeshinichi boolla bishaanii gadi fagoo 3 baasii ofiisaatiin qotee bishaan baasuuf hojjechaa jira. Hojjettoonni OCC Waajjira ol'aanaa mindaa isaanii irraa %10, wiirtuu gaarajii alamganaa qarshii 45000, pirojeektii Walmal qarshii 80000 deeggarsa taasisanii jiru. Hojjettoonni piroojektota keenya hundarra jiru deeggarsa taasisaa jiran akkuma qindaayee nu qaqqabeen kan ibsinu ta'a.

oromia construction corporation (OCC) Certified quality management system ISO 9001: 2015 .

February 1, 2023 - OCC Certified quality management system ISO 9001: 2015 Congratulation to all OCC management, staff, customers and stake holders!! Oromia Construction Corporation(OCC) is certified ISO 9001 : 2015 (QMS) Baga gammaddan! Hojjettoota fi hooggantoota OCC, Maamiltoota fi Dhimmammtoota hundaaf korporeeshiniin keenya waraqaa ragaa ISO 9001 : 2015 argachuun isaa hojiiwwan keenya qulqullina ol'aanaa, yeroo taa'eef keessatti hojjetee tajaajila ummataaf oolchuun bu'a qabeessa ta'uuf caalmatti kan nu onnachiisu ta'a.

Ijaarsi pirojeektii Gamoo Giddugala Gabaa Jimaa Baddeessaa

OCC Sadaasa 27 bara 2015 - Ijaarsi pirojeektii Gamoo Giddugala Gabaa Jimaa Baddeessaa % 91 gahe. Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa (OCC) ijaarsa giddugala gabaa jimaa Baddeessaa qulqullinaan yeroo taa'eef keessatti ijaarsaa isaa xummuree dabarsuun tajaajila ummataatiif akka oolu hojjechaa jira. Ijaarsi pirojeektichaa yeroo ammaa % 91 kan raawwatee fi yeroo ji'a 2 hin caalletti guutumaa guututti akka xumuramu Hojii Gaggeessaan pirojektichaa Injinar Wassino Nigaatuu ibsaniiru.

A team of delegate led by Engineer Malek Thon Ministry of Roads&Bridges of the Republic of South Sudan, visited OCC

A team of delegate led by Engineer Malek Thon, Director for Projects/Program Management Unit of the Ministry of Roads and Bridges of the Republic of South Sudan, has officially visited Oromia Construction Corporation (OCC). As part of the due diligence work, the team has visited the Head Quarter of OCC and met with the Top Management and staff of the Corporation. Moreover, the team of delegate has also made a visit to the completed and ongoing Road Construction projects done by the Corporation. The team expressed its sincere appreciation and satisfaction on the overall findings and observations about the corporation, company set up, Technical and Financial stand, project management and coordination, on the wrap- up meeting held at SkyLight Hotel, at the Presence of the CEO of the Oro- Construction Group, Dr. Mesay Daniel, CEO of OCC, Engineer Abdo Geleto and Ambassador of South Sudan to Ethiopia, Ambassador, Dr. James P.Morgan

Oromia Construction Corporation (OCC), signed a contract agreement with the House of Federation Ethiopia.

OCC November 22, 2022 Oromia Construction Corporation (OCC), signed a contract agreement with the House of Federation Ethiopia. A contract has been signed for design and construction of renovation works of House of Federation office building with FDRE House of Federation Secratriat. The contract time is 7 month.

Oromia Construction Corporation (OCC), Signed a contract Agreement with the Ethiopian Roads Administration (ERA) .

OCC November 16, 2022- Oromia Construction Corporation (OCC), Signed a contract Agreement with the Ethiopian Roads Administration (ERA) to endure the Design and Construction works of Gendesheno- Ejere- Gundomeskel Road Project. The project is a Design and Build (DB) type and the Contract amount is 5.3 Billion ETB with a contract period of 3 years.

Oromia Construction Corporation & Bureau of Roads and logistics of the Oromia Regional state signed a contract agreement

Oromia Construction Corporation (OCC)and Bureau of Roads and logistics of the Oromia Regional state Signed a Contract Agreement to execute the construction works of Awoday Air Field project. The contractor is committed to complete the construction works within a period of three years and the contract amount is 1.3 Billion ETB.

Oromia Constuction Corporation & the Ministry of Roads and Bridges of the Republic of South Sudan reached an agreement

Oromia Constuction Corporation (OCC)and the Ministry of Roads and Bridges of the Republic of South Sudan reached an agreement to endure Construction Works of an identified Road Corridor. On Oct. 31st, 2022, the two parties agreed, committed and signed MoU to undertake the construction of the Road Corridor Connecting Center of S.Sudan, Juba to Ethiopia. As Such, OCC is committed to undertake Engineering, Procurement, Construction and Funding of the Road project. Project cost and Duration will be determined and set in the binding contract agreement to signed soon.

የላይኛው ጉደር መስኖ ልማት ፕሮጀክት ግንባታ ሲጠናቀቅ 10 ሺህ በላይ አርሶአደሮችን ተጠቃሚ ያደርጋል፡፡

የመስኖና ቆላማ አካባቢ ሚኒስቴር በኦሮሚያ ብሄራዊ ክልላዊ መንግስት በምዕራብ ሸዋ ዞን በባለቤትነት የሚያስገነባው የላይኛው ጉደር መስኖ ልማት ፕሮጀክት ግንባታ ሲጠናቀቅ 10 ሺህ በላይ አርሶአደሮችን ተጠቃሚ ያደርጋል፡፡ የላይኛው ጉደር መስኖ ልማት ፕሮጀክት የግድብና ተያያዥ ስራዎች የሚገነባው በፋጦ ወንዝ ላይ በቶኬ ኩታዬና በድሬ ኢንጭኒ ወረዳዎች እንዲሁም የመስኖና ዲሬይኔጅ መሰረተ ልማት በቶኬ ኩታዬና አምቦ ዙሪያ ወረዳዎች ውስጥ ነው፡፡ የግድብና የመስኖ መሰረተ ልማቱ ግንባታ በዋናነት የሚያካትተው የግድብ ግንባታ ፣ 23 ኪሎ ሜትር ጂ.አር.ፕ. ቧንባ ፣ 150 ኪሎ ሜትር ዩ.ፕ.ቭ.ሲ.ቧንባ፣ 4.7 ኪሎ ሜትር ዋና ቦይ ቧንባ ፣ 4.5 ኪሎ ሜትር ዋና ቦይ የመጀመሪያ ቧንባ ፣13 ኪሎ ሜትር ዋና ቦይ ሁለተኛ ቧንባ ፣ 4926 ሄክታር የመስኖ መሰረተ ልማት ናቸው ፡፡ የግድብና ተያያዥ ስራዎች ግንባታ(ሎት -1) በ2014 በጀት ዓመት መጨረሻ ከነበረበት 34.29% በ2015 በጀት ዓመት መጨረሻ ወደ 69.29% እንዲሁም የመስኖ መሰረተ ልማት ግንባታ ስራዎች(ሎት-2) በ2014 በጀት ዓመት ከነበረበት 7.59% በ2015 በጀት ዓመት መጨረሻ ወደ 58.34% ለማድረስ ታቅዶ እየተሰራ ነው፡፡ የላይኛው ጉደር ግድብ ከፍታው 40.1 ሜትር፣ ርዝመቱ 277 ሜትር ያለው ሲሆን ግደቡ 56 ሚሊዮን ሜትር ኩብ ውሃ ይይዛል፡፡ፕሮጀክቱ ሙሉ ለሙሉ ሲጠናቀቅ 4926 ሄ/ር ያለማል ፡፡ ፕሮጀክቱ በቶኬ ኩታዬና አምቦ ዙሪያ ወረዳ ውስጥ የሚገኙ ተጠቃሚ አርሶአደሮች በዓመት ውስጥ የተለያዩ ሰብሎችንና ፓፓያ ፣ሙዝ ፣ሽንኩርትና ቲማቲም የመሳሰሉትን ከ 2—3 ጊዜ ማምረት ያስችላቸዋል ፡፡ የኢትዮጵያ ኮንስትራክሽን ስራዎች ኮርፖሬሽን የግድብ ግንባታና ተያያዥ ስራዎችን የሚሰራ ሲሆን ኦሮሚያ ኮንስትክሽን ኮርፖሬሽን የመስኖ አውታርና ተያያዥ ስራዎችን ይሰራል ፡፡ የማማከሩን ስራ የሚሰራው የኢትዮጵያ ኮንስትራክሽን ዲዛይንና ሱፐርቭዥን ስራዎች ኮርፖሬሽን ነው፡፡ ፕሮጀክቱ በ2014 በጀት ዓመት ወንድ 497 ሴት 190 ድምር 687 ቋሚና ጊዜያዊ ሰራተኞች የስራ እድል ፈጥሮዋል ፡፡ በተጨማሪም 2 ስራ ተቌራጮችና አንድ አማካሪ ድርጅቶች የስራ ዕድሉ ተጠቃሚ ሆነዋል፡፡ የፕሮጀክቱ አጠቃላይ ወጭ 3.4 ቢሊዮን ብር ይሆናል ፡፡ የፕሮጀክቱ ተግዳሮት የመስኖ ቱቦ ግዥ መዘግየትና ማህበራዊ ችግሮች ሲሆኑ የሚመለከታቸው የሥራ ሃላፊዎች በየደረጃው ካለው መስተዳድር አካላት ጋር በመወያየት ለመፍታት ጥረት እየተደረገ ነው ፡፡ ፕሮጀክቱ በመስከረም 2012 ተጀምሮ በሰኔ 2016 በጀት ዓመት መጨረሻ ለማጠናቀቅ ታቅዶዋል ፡፡ (ከመስኖ እና ቆላማ አከባቢ ሚኒስቴር) ... እናም ሁሉም የድርሻዉን ለመወጣት ይዘጋጅ ለማለት ነዉ

OCC Hagayya 10, 2014- Waltajjiin Gamaggama Raawwii Hojii Bara 2014 fi Mariin Qophii Karoora Bara 2015, Hoggantoota Waajj

OCC Hagayya 10, 2014- Waltajjiin Gamaggama Raawwii Hojii Bara 2014 fi Mariin Qophii Karoora Bara 2015, Hoggantoota Waajjira Ol'aanaa, Dameelee arfanii fi Pirojektootaa, Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti adeemsifamaa ture xumurame. Waltajjicha irratti milkaa'ina hojiiwwan bara kanaa caalmatti cimsuu fi hanqinoota turan fooyyesuudhaan karoora bara 2015 galmaan ga’uuf, kutannoon hojjechuuf waliigalameera. Raawwii Bara 2014n waldorgomsiisuun Pirojektota sadarkaa tokkoffaa hanga sadaffaa ba’an, Dhaabbilee Dhiheessii OCC waliin yeroo dheeraaf hojjetanii fi Kontiraaktaroota Hojii gar-tokkee (subcontractor) baayyina, gatii madalawaa, qulqullinaa fi yeroodhaan raawwachuudhaan caalmaa agarsiisaniif, warqaan ragaa fi beekamtiin kennameera.

OCC Qaammee 3, 2014- Hojjettoota waajjira Ol'aanaa OCC tiif leenjiin "Mind set for productivity"fi dhimma naamusaa irra

Leenjiin "Mind set for productivity" jedhuu fi dhimma naamusaa irratti hojjettoota Dhaabbatichaaf kennamaa kan ture yommuu ta'u, leenji kenname kanarrattii Hojii Gaggeessaa Ol'aanaa (CEO) OCC Injinaar Abdoo Galatoo xumura leenjichaa irratti yaada kennaniin, leenjiin kenname baayyee murteessaa fi haala yeroo kan eeggate ta'uu ibsanii haala qabatamaa Korporeeshiniitti fiduun hojii bara dhufuu keessatti hojjetaan kamuu gahee isaa ba'uu akka qabu himaniiru. Hirmaattonni Leenjicharratti argaman yaada kennaniin, leenjichatti gammaduun, gara fuula duraattis leenjiin akkasii barbaachisaa ta'u yaada kennaniiru.