no image no second image no Third image no forth image no Fifth image

Ijaarsi pirojeektii Gamoo Giddugala Gabaa Jimaa Baddeessaa

2022-12-08 17:09:02

OCC Sadaasa 27 bara 2015 - Ijaarsi pirojeektii Gamoo Giddugala Gabaa Jimaa Baddeessaa % 91 gahe. Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa (OCC) ijaarsa giddugala gabaa jimaa Baddeessaa qulqullinaan yeroo taa'eef keessatti ijaarsaa isaa xummuree dabarsuun tajaajila ummataatiif akka oolu hojjechaa jira. Ijaarsi pirojeektichaa yeroo ammaa % 91 kan raawwatee fi yeroo ji'a 2 hin caalletti guutumaa guututti akka xumuramu Hojii Gaggeessaan pirojektichaa Injinar Wassino Nigaatuu ibsaniiru.