no image no second image no Third image no forth image no Fifth image

Gamaaggamni Raawwii Hojii Kurmaana 3ffaaKorporeeshinii Ijaarsa Oromiyaan gaggeeffamaa ture xumurame.

2024-04-22 14:12:41

OCC Ebla 13, 2016 – Gamaaggamni Raawwii Hojii Kurmaana 3ffaa Bara 2016 Magaalaa Adaamaa Galama Abbaa Gadaatti Hoggantoota Waajjira Ol'aanaa, Dameewwaniifi Pirojektootaa Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaan gaggeeffamaa ture xumurame. Akkaatuma kallattiin kaa'ameen gabaasni waliigalaa raawwii hojii kurmaana 3ffaa OCC erga dhihaateen booda, Karooraafi tarsiimoon ji'oottan hafanii kan damee Bishaanii, damee Gamoofi damee Geejibaa walduraa duubaan erga dhiyaate booda mariin gabbifamee jira. Dhumarrattis, Hojii raawwachiisaa Ol’anaan (CEO) Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa (OCC) Injinar Ashannaafii Dhaabaa, kallattii hojii gara fuula duraa kaa’anii jiru. Kallattiiwwan kaa’amanis:   Pirojektoota xumuramu qaban xumuruu,  Qabeenya jirutti qusannaan fayyadamuu,  Hojii dursa barbaduuf dursa kennuu,  Rifoormiifi dijitaalizeshiin hojiirraa olchuu,   Noormiifi Istaandardii mana hojii hordofuun madaalaa deemuu,   Hojii hunda KPI maddaluu,   Humna namaa qabnu guddisuu, ga’oomsuu madaaluu, leenjisuu, hoggansa baasuu   Hojii kamuu qulqullina, baayyinaafi ariitii ittiin hojjetameen madaaluu,   Karooraan hogganamuu,   Suupha maashinarii ofi daandeessisuun hogganuu, oggeessota ga'umsa qaban horachuu, dhaabbiile baranootaa TVET waliin hojjeechuu,   Qabiinsa Maashinarii keenya cimsuun ofegannoon fayyadamuu ,   Bittaa karooraan bituu,   Kenniinsa tajaajilaa fooyyessuufi kkf akka kallattiitti ibsa bal’aa .