no image no second image no Third image no forth image no Fifth image

Pirojektiin Ijaarsa Finna Oromiyaa Kallee Golbaa Eebbifame.

2023-07-09 17:56:49

OCC Finfinnee, Waxabajji 27, 2015- Pirojektiin Ijaarsa Finna Oromiyaa Kallee Golbaa Eebbifame. Godina Baalee Lixaa Aanaa Dalloo Mannaatti, Pirojektiin Finnaa Kalee Golbaa Qarshii Miiliyoona 300 fi Miiliyoona 95n OCCn qulqullinaafi yeroo taa'eef keessatti ijaaramee xumuramee guyyaa har'aa eebbifame. Pirojektiin kun, Ol ka'iinsi isaa meetira 25 dheerinni dalgaa isaa Meetira 402 ta'ee Bishaan Meetirkiyuubii Miiliyoona 3 qabachuu ni danda'a. Hidhi kun ijaarsi isaa eegalee turtii yeroo ji'a ja'a hin caallee keessatti bishaan qabatee jiraattota naannootiif tajaajile kennuu eegale.  Fulla duraattis tajaajila bishaan dhugaatii namaafi beeyladaatiif  tajaajiluurra darbee, lafa hekaatara 150 ta’u jallisiin misoomsuus ni danda’a. Naannoon ijaarsa pirojektii kanaas kan sababa hongeetiif irraa godaanan osoo hin taane, bakka itti godaananii hojjechuun itti badhaadhaan ni ta'a jedhamee abdatama.