no image no second image no Third image no forth image no Fifth image

Waliigalteen waliin hojjechuu OCC fi OSU mallataa'e.

2024-09-02 23:39:35

OCC Hagayya 27, 2016 Korporeeshiniin Ijarsaa Oromiyaa fi Yunivarsiitiin Nannoo Oromiyaa Waliigaltee waliin hojjachuu (memorandum of Understanding) kan waaggootaa 5 dhufaanii ittiin waliin hojjatan mallatteessan. Akkataa waliigaltee kanaatiin yunivariitiin Nannoo Oromiyaa fedhii Korporeeshinichaa irratti hundaa’uun hojiilee riiformii adda addaa qorachuun akka hojii irra oolu ni taasisaa. Fedhii leenjii qorachuun, leenjii humna raawwachiisummaa korporeeshinichaa cimsu ni qopheessa, qorannoo fi qo’annoo Korporeeshinichaa kan sadarkaa ol-aanatti ceessisuuf dandeessisan waliin ta’uun ni gaggeessa, hojii irraa oolmaa isaaf deeggarsaa ogummaa ni taasisa. Akkasumas, korporeeshinchi ga’ee misoomaa keessatti qabu daran cimaa akka ta’u  gurmaa’inaa fi caaseffama korporeeshinichaa qorachuu akka hojii irraa oolu ni taasisa. Haaluma walfakkatuun hoji-maata haarawaa korporeeshinichaa jijjiruu danda’an ni qorate korporeshinchaaf ni dhiyeessa. Sirna waliigaltee waliin hojjachuu (MoU) mallatteessu kana irratti Hojii Rawachiisaan Ol-aanaa OCC Injinar Ashanafii Dhabaa haasawa tasisaniin OCC saffisa guddinaa amma irraa qaqqabe kanaan kan walgitu hojimaataa fi ijaarsaa dandeettii ammayyaawaa qophessuun yeroo yeroon of jijjiraa adeemuun dhimma murtessaa akka ta’e ibsanii Yunivarsiitii Nannoo Oromiyaa waliin waliigalte mallatta’e kun kutannoo korporeeshinchi jijjiramaaf qabu kan ittiin dhugoomsinu keessaa isa tokko akka ta’e ibsaniiru. Haaluma walfakkatuun Prezidaantiin Yunivarsiitii Nannoo Oromiyaa Dr.Garramu Hulluqaas Waliigalteen har’a mallattaa’e kun ka’umsa godhachuun fedhii jijjirama korporeeshinichi qabu haala amanssisaa fi kutannoo olanaan akka hojjatan ibsanii waliigaltee antumaan nannoo keenyaa fi biyyaa keenyaa ittiin jijjiruuf qabnu kan ittiin dhugoomsinuudha jedhaniiru. Yuniversitiin Naannoo Oromiyaa Karooraa tarsimawaa wagga 5 (SPM) OCC haarawaa qopheesse irratti hundaa’uun gurmaa’inaa fi caasaa Korporeeshinichaa haarawaa guyyoota 50 dhufan keesatti xumuree akka dhiyeessuu sirna waliigaltee kan irratti ibsameera.