Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa Gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 2ffaa gaggeeffamaa ture xumurame.
2024-02-07 11:02:29
OCC Amajji 26, 2016 – Gamaaggamni Raawwii Hojii Kurmaana 2ffaa Bara 2016fi Karoora hojii ji'a jahaa guyyoota lamaaf Magaalaa Adaamaa Galama Abbaa Gadaatti Hoggantoota Waajjira Ol'aanaa, Dameewwaniifi Pirojektootaa Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaan gaggeeffamaa ture xumurame. Akkaatuma kallattii kaa'ameen gabaasni raawwii hojii kurmaana lammaffaa OCC waliigalaa, karoorri keessa deebii ji’a jahaa (revised plan), gabaasni odiitiifi ISOfi sirni madaallii walduraa duubaan erga dhihaatee booda, guyyoottan lamaaf marii tuutaan bal’inaan marii’atameera. Dhumarrattis, Hojii raawwachiisaa Ol’anaan (CEO) Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa (OCC) Injinar Ashannaaffii Dhaabaa, Pirojektoota hunda yeroo kontiraataa taa'eef keessatti qulqullinaan xumuruufi tajaajila ummataaf dabarsuun akkuma eeggametti ta'ee, pirojektoota sababa adda addaatiin harkifatan xiyyeeffannoo addaatiin akka xumuran ibsaniiru. Haala rakkisaa keessatti hojiin hojjetame ajaa’ibsiifamuu akka qabu himuun, kallattii hojii gara fuula duraa kaa’anii jiru. Kallattiiwwan kaa’amanis: Hojii kurmaana 1ffaa fi 2ffaa keessatti harca'ee hafe kurmaana 3ffaa keessatti daballee duguugnee hojjechuu, Noormiifi Istaandardii mana hojii hordofuun madaalaa deemuu, ERP, ISO fi Kaayizanii hojiirraa oolchuun dhimma murteessaafi dirqama ta'uu, Humna namaa qabnu guddisuu, ga’oomsuu madaaluu, leenjisuu, hoggansa baasuu; kan rakkoo qabuufi irraa barachuu dide irratti tarkaanfii fudhachuu, Suphaa mashinariifi konkolaattotaa keenya sirnaan hordofuu, Hojii kamuu qulqullina, baayyinaafi ariitii ittiin hojjetameen madaaluu, Karooraan hogganamuu, Hannaafi hojmaata badaarratti qabsaa’uu, Baasii xiqqeessuufi galii keenya dabaluu, Rakkoo dhiyeessii hanbisuu, Madaallii fi gabaasa hojii KPI irratti xiyyeeffachuu, Gabaasa “cost” yeroo yerootti galmeessuu, qindeessuufi qaama barbaachisuuf erguu, Gabaasa sobaa hanbisuufi kkf akka kallattiitti ibsa bal’aa waliin kaa’ameera.