Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa ,Gabaasa Raawwii Hojii Bara 2015 fi Qophii Karooraa Bara 2016 irratti marii’atan.
2023-07-21 16:30:38
OCC Adoolessa 14, 2015 – Hoggantoonniifi Hojjettoonni Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa Waajjira Ol'aanaa, Gabaasa Raawwii Hojii Bara 2015fi Qophii Karooraa Bara 2016 irratti marii’atan. Gabaasa raawwii hojii bara 2015 keessatti OCCn kallattii hundaan jijjiirama qabatamaa akka galmeesse ibsameera. Raawwii bara kanaa keessatti akka raawwii gariifi injifannoowwan gurguddootti fudhatamani: Siistama ERP Diriirsuu, waraqaa raga ISO 9001 Certification fudhachuu, waraqaa raga dhaabbata Abisiiniyaa awwaardi irraa argachuu, hojii ijaarsa asfaaltii eegaluu, boolla bishaanii meetira 500 ol qotuu eegaluufi maashinarootaafi konkolaattota gosa adda addaa 143 bitachuu danda’uufaa dha. OCCn bara kana Qarshii Biliyoona 9.2 hojjechuuf karoorfatee Qarshii Biiliyoona 8.8 parsantaa 95.5 hojjetee jira. Pirojektoota 63 xumuruuf karoorfatee pirojektoota 97 xumuree jira. Raawwiin kun kan bara darbee walbira qabamee yommuu madaalamu parsantaa 21n caalamaa argamsiisee jira. Hojii raawwachiisaa Ol’anaa korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa (CEO) Ijinaar Abdoo Galatoo dhuma waltajjiirratti kallattiiwwan armaan gadii kaa’anii jiru. - Hojjettoonni kamuu harcaatii tokko malee sa’aa hojii eeguun hojiirratti argamuu akka qabaniifi kunis haalaan to’atamuu akka qabu; - Hojjettoonnifi gaggeessitoonni boqonnaa wagaa ba’uun dirqama waan ta’eef, dabareedhaan boqonnaa waggaa ba’uun akka irra jiraatu’ - Ayyaanni waggaa kan pirojektiin cufamuu danda’u Ayyanaa Bara haaraa qofa waan ta’eef, Kanaan ala hojjetaan kamuu boqonnaa waggaatti qofa akka fayyadamuu; - Karoora bara 2016 kan hojiitti jijjiiru hojjettoota waan ta’eef hojjetaan kamuu amanee ofitti fudhatee kutannoo guddaan hojjechuu akka qabuufi - Hojjetaan kamuu karoora waggaan kan dhuunfaa qopheeffachuu akka qabu kallattiin taa’ee jira.