no image no second image no Third image no forth image no Fifth image

Hojjettoota haaraa OCC tti qacaramaniif leenjii hojii duraa keenamaa jira.

2024-06-20 22:47:11

Hojjettoota gita hojii to'ataa istookiifi barreessaa mana kuusaa irratti qacaramaniif leenjiin hojii duraa (Orentetion) kennamaa jira. Leenjii kanarratti guyyaa jalqabaa  waa'ee Kerporeeshiinii Ijaarsa Oromiyaa (OCC) waliigalaa maalummaa Korporeeshinichaa, Mul'ta, Ergama Kaayyoo kkf dabalatee, hojii Bulchiinsa qabeenyaa jalatti hojjetamu irratti gadi fageenyaan kennamaa jira. Leenjiin kun guyyaa boruus kan itti fufu yommuu ta'u, hojiin Korporeeshiinii Ijaarsa Oromiyaa (OCC) keessatti hojjetamu kamuu ERPn qofa waan ta'eef, leenjiin tekinooloojii itti fayyadama ERPfi Maanuwaaliiwwan, qajeelfamoota Bulchiinsa qabeenyaafi kanneen biroo irratti ni kennamaaf.