no image no second image no Third image no forth image no Fifth image

Sirna badhaasa  Kaayizenii Itoophiyaa

2024-11-18 10:54:35

OCC Sadaasa 7 bara 2017, Ji'a darbe Badhaasa sadarkaa Afrikaatti  kennamufi kan “African Union Development Agency and Japan International corporation agency (AUDA & JICA)” waliin walt’uun qopheessan Dhaabbilee biyyoota Afirkaa keessatti Kaayizanii hojiirraa oolchaan wal-dorgomsisee sadarkeessuun kan kennamu kan fudhate OCCn guyyaa har'as badhaasa kaayizenii Itoophiyaa damee dhaabbilee tajaajila kennanitiin sadarkaa 3ffaa bahuun Wiirtuun gaarajii Finfinnee yommuu badhaafamu Wiirtuu gaarajii Alamganaatinis waraqaa ragaa beekamtii argatee jira. Korporeeshiniin ijaarsa Oromiyaa (OCC)n Kaayizenii hojiirraa oolchuun bu’aa qabatamaa fi jiijjirama bu’uuraa waan agarsiiseef, badhaasa kanaaf akka biyyatti akka dorgomu gamaa Dhaabbata “Ethiopian Kaizen Excellence center(KEC) ” tiin ulaagaa dorgomii guutuun biyya keenya bakka bu’uun dorgommiif  kaadhimame dorgomaa turuun ni yaadatama. Korporeshinchi Badhaasicha argachuuf ji’oottan 5 darban  qaamolee addaa addaa biyyaa keessaa fi ogeessotaa biyyootaa alaatiin yeroo garaa garaa madaalamaa kan ture yammuu ta’u, akkaataa madaallii qaamolee garaa garaan taasifameen Kaayizanii hojiirraa oolchuun  jijjirama qabatamaa kan argamsiise ta’uun koree badhaasaa Ardii adda addaa irra walitti dhufaniin mirkanaa’ee badhaasa kennamee.