no image no second image no Third image no forth image no Fifth image

Pirojektiin Ijaarsa Istaadiyoomii xiqqichaa Sulultaa qindoomina hawwataan ijaaramaa jira.

2023-11-28 16:59:16

OCC Sadaasa 17, 2016 – Pirojektiin Ijaarsa Istaadiyoomii xiqqichaa Sulultaa qindoomina hawwataan ijaaramaa jira. Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Sulultaatti Pirojektii Ijaarsa Istaadiyoomii xiqqichaa Sulultaa, gatiin kontoraata isaa vaatii dabalatee qarshii Miliyoona 275 yommuu ta’u, yeroo pirojektichaaf kaa’ame guuyyoottan 540 dha. Ijaarsi pirojektii kanaa hojii gar-tokkeen (subcontract) qaama biraaf kennamee  erga eegalamee waggaa tokko lakkoofsisus, sababa dhadhabina kontiraakatara hojii gar-tokkee fudhatee (subcontractors’ weakness), haala yeroofi rakkoo dhiyeessiin osoo hin hojjetamiin tureera. Hogantoonni OCC waajjira ol’aanaa rakkoo kana hubachuun hojii kana ofii hojjechuuf murteessanii garee ijaaruun gara pirojektii kanaatti erguun bifa haaraan ijaarsi erga eegalamee  ji’a lama lakoofsisee jira. Hojii gaggeessaan Pirojektii  kanaa Injinar Naa’ol Alamuu akka himanitti, gareen ijaaramee gara Pirojektii kanaatti ergame halkaniifi guyyaa haala qindoomina qabuun hojjetee, hojii biyyee hafuu ( earth work) parsantaa  90 irraan qaqqabsiisee akka jiru dubbatu. Gareen kun yeroo hojiif ergametti bakka istaadiyoomiin ijaaramu irra bishaan ciisee waan jiruuf hojjechuuf rakkisaa ta’u illee, ogummaatti fayyadamuun bishaan yaasuun (drain) gochuuniifi gadifageenya meetira 1.20cm haga meetra 1.80cm muranii biyyee duraan ture maksuun, sadarkaa kanarra akka qaqqabsiisanis ni dubbatu. Sa’aa hojii dheeressuun haala qidomina cimaa qabuun waan hojjechaa jirruuf dalla marsaa Istaadiimii kanaas ji’a tokko keessatti ijjrree xumurre jedhan. Yeroon pirojektii kanaaf kenname keessaa kan hafe  guyyoota 120 yoo ta’u hojii biyyee hafuufi hojii sivilii (sivil work) nu hafu guyyoottan 90 keessatti xumuruuf, hojjettoonni as jirru hunduu miiraa abbummaan hijjechaa jirra jedhu Injinar Naa’ol. "Deeggarsi waajjira ol’aanaa irraa nuuf taasifamaa jiru baayyee garii ta’uufi akkataan hojii keenya itti hoganaa jirru qindaa ta’uunsaa hojii kana yeroo jedhame keessatti xumuruuf nu dandeessisa," jedhan hojii gaggeessan Pirojektichaa. Konkolaattotta  fe’isaa biyyee dirreerra afamu deddeebisaniif kaardii qopheessinee yeroo fe’anii ba’an kaardii irratti sa’aan galmaa’ee kennamee, yommuu qaqqaban kaardii kennameef deebisanii waan seenaniif, miraa dorgommiin akka hojjetan sirna hordoffii mijaawwa akka qabani himuun, miira hojii hojjettoonni pirojektichaa  hundi qabaniif hojjettoota isaanii galateefatanii jiru hojii Gaggeessan Pirojektii kanaa. Dhuma irratti Injinar Naa’ol namni kamiyyuu bakka jirutti miira abbummaan hojii kennameef yeroo ta’eef dursee xumuruun, karoora xiiqii OCCn qabatee jiru milkeessuuf cichuu akka qabu dhaamanii jiru.