no image no second image no Third image no forth image no Fifth image

Manneen harka qalleeyyii turtii ji'a tokko hin guunne keessatti ijaaramee xumurame.

2024-11-18 10:43:10

OCC Sadaasa 04, 2017 – Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa (OCC)n hojii tola ooltummaan Magaalaa Maayaa Kutaa Magaalaa Awwadaayitti mana harka qalleeyyii 2 Yeroo ji’a tokko hin guunne  Keessatti qulqullinaan ijaaree xumuree eebbisiise. Jiilli Kantiibaa Magaalaa  Maayaa Dr.Ifrahaa Waziirfi Sad. I/A/HR/tti I/G Dhimma Hawaasummaa OCC Obbo Kaffiyaalew Ayyaanaatiin durfamu saganticharratti argamuun eebbisiisaniiru. Dr.Ifrahaan OCCn guyyoottan 28 keessaatti qulqullinaan ijaaree xumuruusaa galateeffatanii, hojii tajaajila lammummaa Mootummaan Jijjiiramaa labsiidhaan mirkaneesseen hojiin hojjetamaa jiru, Oromummaa dhugaa, duudhaa ganamaafi aadaa walgargaarsaa Oromoo duraaniitti nu deebiseera jedhan. Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa (OCC)n Bara 2016 tti hojii tola ooltummaaf qarshii 50,592,542 tti tilmaamamu baasii gochuun hojiilee ijaarsa daandii keessa keessaa, qotiinsa boolla bishanii, dhiyeessa bishaan dhugaatii, ijaarsa manneen barnootaa bu'uura boruu, ijaarsa manneen jireenyaa harkaqalleeyyiifi kkf. raawwachuun namoota 12,660 fayyadamaa tajajila kanaa taasisee jira. Bara kanas korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa korporeesbiniin ummataa ummataaf hojjetu ijaarsa pirojektotaa rakko hawaas-diinagdee furuudhan tajaajila ummataaf oolan qulqullinaa fi yeroodhaan ijaaruun Bu'a qabeessa ta'uuf hojjechuu cinaatti hojii tajaajila lammummaatiif karoorfatee hojjechaa jira.