no image no second image no Third image no forth image no Fifth image

Ijaarsi Pirojektii  Bishaan Dhugaatii Magaalaa Bordoddee  xumurame.

2023-07-09 17:41:08

OCC Finfinnee, Waxabajji  22, 2015 - Ijaarsi Pirojektii  Bishaan Dhugaatii Magaalaa Bordoddee  xumurame. Godina Harargee Lixaa, Aanaa Gumbii Bordoddee, Magaalaa Bordoddeetti  bishaan dhugaatii ummata 25,000 (kuma digdamii shan) oliif taajaajila kennu  qarshii Miiliyoona 100fi Miiliyoona 58n ijaaramee xumurame.  Akka Injinar Geetaachew  Isheeteerra odeeffannetti,  pirojektiin kun  pirojektoota Bishaan Dhugaatii 11 bara kana OCCn walharkaa fuudhinsa raawwachuuf  karoorfate keessaa tokko yommuu ta’u, hanga  yoonaatti  Pirojektoota  8 walharkaa fuudhinsi raawatamee jira. “Gammoojjii kana keessa rakkoon bishaan dhugaatii hammaataan rakkachaa turree, amma boonoo bishiaanii balbala keenyatti argachuun, gammachuu jechaan ibsachuu hindandeenye nutti horera,” jedhan jiraattonni naannoo.