no image no second image no Third image no forth image no Fifth image

pirojektiin qotiinsa boolla bishaanii, Magaalaa Finfinnee Mana Murtii Waliigalaa Oromiyyatti xumuramaa jira.

2023-11-04 13:21:00

OCC Onkoloolessa 04, 2016 – pirojektiin qotiinsa boolla bishaanii, Magaalaa Finfinnee Mooraa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyyatti, OCCn hojjetamaa jiru xumuramaa jira. OCCn hojiiwwan ijaarsa pirojektootaa gamoowwanii, bishaan dhugaatii, jallisiiwwanii, hidha laggeenii, ijaarsaafi supha daandiiwwaniifi riqaalee akkasumas qotiinsaafi misooma bollawwan bishaanii gaggabaaboofi gadifagoo haala qulqullina isaa eeggateen,  yeroo kontoraataa taa'eef dursee ijaaree xumuruun, tajaajila hawaasaaf oolchuurratti argama. Qotiinsaafi Misoomni boolla bishaanii qotiinsa boollaa, haaromsa boollaafi sakkata’iinsa boolla bishaanii of keessatti hammata. Gabaasa raawwii hojii bara 2015 irraatti hojii qootiinsa boollaan  Qr. 354,723,041.23 ta’u hojjechuuf karoorfamee, hojii Qar. 520,353,836.86 (%143.5) ta’u raawwachuun akka danda’ame ibsameera. Raawwiin kunis kan baroota darbaniirra fooyyee guddaa kan agarsiise ta'uunis himameera. Bara kanas raawwii ol'aanaa galmeessisuudhaaf ciminaan hojjchuurratti argama.