no image no second image no Third image no forth image no Fifth image

Pirojektiin Ijaarsa Daandii Shaggar Hojii Jalqabsiifame

2024-06-27 10:39:36

OCC Waxabajjii 15, 2016 - Pirojektiin Ijaarsa Daandii Shaggar Hojii Jalqabsiifame. Jiilli Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Pirojektii Ijaarsa Daandii Shaggar Hojii Jalqabsiisan. Pirojektiin Ijaarsa daandii Shaggar kiiloomeetira 150 kan dheeratu yoo ta’u, marsaa jalqabaan kiiloomeetirrii 38.5 Birrii biiliyoona 4.5n kan ijaaramu akka ta'e himameera. Pirojektichi Marsaa jalqabaan Kutaalee Magaalaa Kuraa Jiddaa, Laga Xaafoo, Koyyee Facceefi Galaaniin akka wal qunnamsiisuus ibsameera.