no image no second image no Third image no forth image no Fifth image

OCC Hagayya 10, 2014- Waltajjiin Gamaggama Raawwii Hojii Bara 2014 fi Mariin Qophii Karoora Bara 2015, Hoggantoota Waajj

2022-09-29 17:20:35

OCC Hagayya 10, 2014- Waltajjiin Gamaggama Raawwii Hojii Bara 2014 fi Mariin Qophii Karoora Bara 2015, Hoggantoota Waajjira Ol'aanaa, Dameelee arfanii fi Pirojektootaa, Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti adeemsifamaa ture xumurame. Waltajjicha irratti milkaa'ina hojiiwwan bara kanaa caalmatti cimsuu fi hanqinoota turan fooyyesuudhaan karoora bara 2015 galmaan ga’uuf, kutannoon hojjechuuf waliigalameera. Raawwii Bara 2014n waldorgomsiisuun Pirojektota sadarkaa tokkoffaa hanga sadaffaa ba’an, Dhaabbilee Dhiheessii OCC waliin yeroo dheeraaf hojjetanii fi Kontiraaktaroota Hojii gar-tokkee (subcontractor) baayyina, gatii madalawaa, qulqullinaa fi yeroodhaan raawwachuudhaan caalmaa agarsiisaniif, warqaan ragaa fi beekamtiin kennameera.