no image no second image no Third image no forth image no Fifth image

Irreechi Faajjii Tokkummaafi Obbolummaati!

2023-11-04 13:13:49

OCC Fulbaana 25, 2016 – Baga Sirna Kabajaa Ayyaana Irreechaa Bara 2016n Nagaan isin ga'e! Ayyanni irreechaa ayyaana guddaa Oromoon uumaa isaa ittiin galateeffatudha. Waaqa Malakaafi Tuulluu Uume dinqisiifachaa, bacaqii gannaa keessaa baasee booqaa birraatti ceesisuu isaaf immoo galatoo galfata. Akkasumas Ayyana irreechaa irratti kan waldhabe ni araarama; hunduu dhiifama gochuun garaa qulqulluun waktii bishaan booruu ture itti qulqullaa'utti Waaqa qulqulluuf galata galcha. Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa Ummata Oromoofi Itoophiyaa hundaan baga Ayyaana guddaafi kabajamaa kanaan nagaan isin ga'e jedha! Ayyanni kun: kan nagaa, jaalalaafi tokkummaa akka isinii ta’u hawwa!                   KIO/OCC