no image no second image no Third image no forth image no Fifth image

jaarsi Pirojektii Finna Oromiyaa Kattaa Dibbee  xumurarra ga'ee jira.

2023-06-21 11:55:36

Godina Baalee bahaa, Aanaa Sawweenaa Ganda Katta Dibbeetti Pirojektiin Finna Oromiyaa Kattaa Dibbee turtii waggaa tokkoo keessatti parsantaa 90 ijaaramee xumurarra ga'ee jira. "Rakkoo hammaataa hawaasni keessa jiru hubachuun, hojjetaan kamuu dhimamee xiiqiin hojjechuufi sa'aa hojii dheeressuun, guyyaatti sa'aa 15 hojjechuudhaan wagaa tokko keessatti hidha hojjennee goolabne," jedhan hojii gageessaan pirojektichaa Injinar Abbabaa Siisay. Pirojektiin gammoojjii lolaa rooba eeggatee yaa'ee darbu malee bishaan fufinsaan yaa'u argachuun matumaa hindanda'amne keessatti hidha hidhuun galaanni guddaan akka ciisu taasisuun hojii ajaa'ibaa hojjechuun danda'amera. Dalgee (dheerinni) hidhaa kanaa meetir 690 yommuu ta'u gara duubaatti kiilometira1.7 irra bishaan ciisuu ni danda'a. Olka'insi isaa kan gadi qotamee dhidhiitame dabalatee meetira 35 yommuu ta'u, bishaan metirkiyuubii miliyoona 11.4 qabachuu ni  danda'a. Akkasumas lafa hektaara 1500 jallisiidhan misoomsuun abbaa warraa 3000 ol fayyadamtoota ni taasisa. Hidhi kun erga hojjechuu jalqabamee ji'a muraasaa eegalee hawaasa naannoof tajaajila kennuun rakkoo godaansa maqsee jira. Jiraattonni naannoos, qabamuu bishaan kanaan dachee osoo jaallannuu sababa goginsaan irraa godaanaa turre  irratti, karoora guddinaafi misoomaa karoorfachuu dandeenyeera jedhan. Itti gaafatamaan pirojektii kanaa Injinara Abbabaa Siisay "Mootummaan gommoojjiiwwan Oromiyaa keessatti Finnaawwan akka jiraaman murteessuun, murtoo sirrii ta'uu qabatamaan pirojektii mirkaneessedha; bakkeewwan biroottis itti fufee hojii akkanaa hojjetamuu qaba," jedhan.