no image no second image no Third image no forth image no Fifth image

OCCn Dhaabbata "Auction Ethiopia S.C" waliin waliigaltee walmallatteesse.

2024-09-12 10:58:42

Qaammee 05, 2016 Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa (OCC) sirna caalbaasii maksa meeshaalee dijitaalawaa gochuudhaaf Dhaabbata "Auction Ethiopia S.C"  waliin waliigaltee walmallatteesse. Waliigalticha kan mallatteessan gama OCCtiin Injinar Ashannaafii Dhaabaa Hojii Raawwachiisaa Ol'aanaafi Sad. I/A/HR/tti I/G Dhimma Hawaasummaa KIO Obbo Kaffiyaalew Ayyaanaa gama Dhaabbata "Auction Ethiopia S.C" tiin Obbo Yooseef Ankuu (CEO) fi aaddee Ruut Kiroos (sales manger) yommuu ta’an, waliigaltee kana walmalletteessun OCCf fayidaalee hedduu akka qabus ibsaniiru. Meeshaalee Dhabbata 4 irra walittidhufanii OCC keessatti argaman hedduu kan Korporeeshinichaaf taajila hin kennineefi sadarkaa guddinaa OCCn qaqqabe waliin kan hindeemne caalbaasii dijitaalaan maksuun fayidaalee armaan gadii ni qabaata. - Caalbaasiin ba'u sirrii, bu’aa qabeessafi kan iftoomina qabu (efficient, and transparent) taasisuufi bulchiinsa qabeenya meeshaalee fooyya'aa taasisuu, -Baayyina dorgomtootaa caalbaasii bitanii dabaluun gatii meshaalee guddisuu, -Qaqqabummaa caalbaasii biyya keessaafi sadarka idil-addunyaa akka  dabaluu gochuun dorgomtoota sirrii argamsiisuu, -Baasii caalbaasiif ba'u ni xiqqeessa, - Sirna caalbaasii ariifataa ni taasisa, -Qabeenyaa maksamuu qabu artiin maksuuf gargaara, -Sirna hordoffiifi gabaasaa mijaa ni uuma, -Iftoominaafi nageenyummaa (transparency and Security) caalbaasii mirkaneessuufaa faayidaalee OCCn argatu keessa muraasa akka ta'an himameera. OCC Furmaata Hundagaleessaf!