no image no second image no Third image no forth image no Fifth image

Ijaarsi Pirojektii Finna Oromiyaa Kallee Golbaa sadarkaa xumuraarra ga'ee jira.

2023-06-21 12:02:51

OCC Finfinnee, Waxabajji 12, 2015- Ijaarsi Pirojektii Finna Oromiyaa Kallee Golbaa sadarkaa xumuraarra ga'ee jira. Godina Baalee Lixaa, Aanaa Dalloo Mannaa, Ganda Kallee Golbaatti Pirojektiin Hidha bishaanii Finna Oromiyaa Kallee Golbaa ijaaramee sadarkaa xumuraarra ga’ee jira. Pirojektii kun bakka bishaan argachuun baayyee rakkoo ta’etti ijaarsis erga eegalee turtii ji’a ji’a ja’a keessatti bishaan akka kuufamu gochuun rakkoon bishaanii naanno kanaa akka furamu godheera. “Galteewwan ijaarsa hidha kanaa barbaachisoo ta,an bakka dhiyootii qorannee argachuu, mashinaroota ammayyaatti fayyadamuufi humna namaa quuqamaan hojjetu sirnaan hogganuun hojii guddaa kana waggaa took keessatti xumuuf nudandeessiseera;” jedha itti gaafatamaan Pirojektii kanaa Injinar Muluuqan Minwuyyeelet. Hidhi kun kan gadi qotamee Iskaaveet ta’e dabalatee meetira 35 kan dheeratu yoommu ta’u, tajaajila bishaan dhugaatii namaafi beeyladaa ta’uurra darbee, lafa hekaatara 150 ta’u jallisiin misoomsuus ni danda’a. naanichisa kana waktii roobaa eeggachuun bakka sana jiraatiin irraa godaanan osoo hin taane, bakkatti hojjetamanii jiijjiiramuun badhaadhan ni taasisa jedhamee abdatama. Jiraattonni naannaas, “qabamuun bishaan kanaa seenaa naannoo kanaa jijjiiree akka waan lammata dhalannee nu taasise,” jedhu.