no image no second image no Third image no forth image no Fifth image

Korporeeshiniin ijaarsaa Oromiyaa (OCC) Konkolaattota Siinoo Tiraakii 50 bitee gara Pirojektootaatti ergaa jira.

2023-03-30 11:28:44

OCC Bitootessa 6, 2015 - Korporeeshiniin ijaarsaa Oromiyaa (OCC) Konkolaattota Siinoo Tiraakii (Sinotruck) 50 bitee gara Pirojektootaatti ergaa jira. Korporeeshiniin Ijaarsaa Oromiyaa (OCC), Korporeeshiniin ummataa, misooma ummata isaaf hojjetu, Pirojektoota rakkoo ummataa furu, jiruuf jireenya isaa fooyyessuufi fayyadamummaa isaa mirkaneessu qulqullinaa olaanaafi yeroo ta'eef keessatti ijaaree xumuruun aantummaa isaa mirkaneeffatee jira. Akkasumas Ergama isaa galmaan ga’uufi bu'aa qabeessummaa isaa mirkaneessuuf kan isa dandeessisu humna raawwachiisumma isaa gama hundaan cimsachuurratti argama. Guyyaa har'aas Konkolaattota Siinoo Tiraakii (Sinotruck) 50 haaraa bitee gara hojiitti bobbaasaa jira.