no image no second image no Third image no forth image no Fifth image

Leenjiin Hojjettoota Waajjira Ol'aanaa KIO/OCC tiif guyyoottan sadiif keena ture xumuraame.

2024-01-01 11:03:11

OCC Mudde 21, 2016 - Leenjiin Hojjettoota Waajjira Ol'aanaa KIO/OCC tiif guyyoottan sadiif mat-dureewwan garaa garaa irratti kennamaa ture xumurame. Mat-dureewwaan leenjiif dhiyaatan hundarratti ibsi gadifageenyaan erga kennamee mariidhaanis gabbifamee jira. -  Qabeenyaafi Badaadhina Uumuufi   Bulchuu. Mat-duree kana jalatti gosoota qabeenyaa qabnu addabaasuun beekuufi sirnaan dhimma itti ba'uufi qusachuun akka barbaachisu ibsamee jira. Qormaatileen akka biyyaatti qabeenya horchuuf gufuu ta'an akka jiranis eeruun, qormaatilee jiran dabarree akkaataatti qabeenya horachuun danda'amus ibsamee jira. -  Ijaarsa Seenessa Biyyoolessaa. Ijaarsa seenessa waloo keessatti gosootni seenessaa ibsamee jira. Haala qabatamaa biyya keenyaatiin garaagarummaan dhiimmoota adda addarratti jiraatus, seenessa waloo irratti xiyyeeffachuun kayyoo imala badhaadhiinaa galmaan ga'uuf dhimmuun murteessaa ta'uun himameera. -  Itoophiyaatti Siviil Sarviisii Tajaajilaafi Qaroome Ijaaruuf Yaalii Godheme  Keessatti Milkaa'inoota, Qormaatileefi Ajandaawwan Xiyyeeffannoo fuula duraa, jedhu jalattis, Biyyi jabduun biyya Siviil sarviisii cimaa qabdu ta'uu ibsuun, Siviilsarviisii ga'umsa qabu ijaaruuf rifoormiiwwan kanaan dura taasifaman hooggansiifi hojjetaan kutannoo gahaa qabu akka hin turre himameera. Siviil sarviisii walaba ta'e ijaaruun dirqama ta'uunis ibsamee jira. Siviil sarviisii walabaa gaafa jedhamus, hojjetaan siyaasa, amantaa, naannummaa, sabummaa kkf. irraa bilisaa ta'ee,  seera, labsii Mootummaa, qajeelfamafi hojmaata irratti qofa hundaa'uun ummata tajaajiluu akka qabu ibsa gahaan kennamee mariiniis gabbifamee jira. Dabalataanis Siviil sarviisiin biyya keenyaa beekumsa gahaa, dandeettii guddaa, ilaalchaa gaariifi naamusa bareedaa qabaatee ummata tajaajiluun dirqama ta'uunis himameera. Xumura leenjii kanaarrattis kallattiileen: - Daayirektoreetiifi Gareewwan hundi hanqinaalee irratti ka'e hundaa adda baasuun Manajimantiif gabaasuun, torban torbaniin madaaluufi kanneen fooyya'iniif hinhojjetammiin adda baasuun madaalaa deemuu, - Hojjettoonni hunduu karoora dhuunfaa akka qaban adda baasuufi madaalliin raawwii hojii bu'aa hojjetaan tokko OCCf  busuu irratti akka bu'uurefatuuf hojii guyyaa guyyaa galmeeffachaa deemuun murteessaa ta'uufi - Kaayyoo OCCn qabatee jiru galmaan ga'uuf Hoggansiifi Hojjetaan kamuu walaba ta'ee ummata isaa tajaajiluu akka qabuuufi milka'insa isaafis walmadaalaafi walqorachaa deemuun barbaachisaa ta'uu kaa'amee jira.