no image no second image no Third image no forth image no Fifth image

Gamaggamni Raawwii Hojii Kurmaana 3ffaa  Waajjira Ol’aanaa OCCtti adeemsifame.

2023-05-02 11:21:25

OCC Ebla 23, 2015 – Gamaggamni Raawwii Hojii Kurmaana 3ffaa  Waajjira Ol’aanaa OCCtti adeemsifame. OCCn, gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 2ffaa yommuu taasise hanqinootaafi rakkoolee hojii keessatti qunnaman erga adda baasee booda,  kallatti itti furaman irratti waliigaluun, hojiitti akka seenamu taasisee waantureef, kurmaana 3ffaa keessatti hojii gaariin hojjetamuu danda’eera. Kurmaana 3ffaa kana keessatti hojii Qr.2,675,891,380.77 tti tilmaamamu hojjechuuf   karoorfamee, hojii Qr. 2,835,094,660.88 (%106) ta’u karoora ol raawwatamee akka jiru himame. Akka waliigalaatti Hanga kurmaana 3ffaa  tti  hojii Qr.5,412,286,235.10 tti tilmaamamu hojjechuuf   karoorfamee, hojii Qr. 5,565,871,501.34 (%103) ta’u raawwachuun akka danda’amees ibsamee jira.  Raawwiin haga kurmaana sadaffaa kunis karoora waggaa irraa %60 irra gahee kan jiru yoommu ta’u, hojiilee hafan yeroo hafe keessatti raawwachuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa akka jirus dubbatameera. Hojii ijaarsa pirojektootaa gosa adda addaa Kan harka turaniifi haaraa, waliigala pirojektoota 164 keessaa Pirojektoota 63  xumuruun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf karoorfatee ka’e keessaa Pirojektoota 46 (%73) xumuruu danda’era. Kurmaana 4ffaa keessattis kallattii Mootummaan kaa’e dhugoomsuufi Qar. Bil 3.3 hojjechuufi raawwii isaa parsantaa 100 ol taasisuudhaaf kuttannoon hoojechuu akka qabu kallattiin kennamee jira.