no image no second image no Third image no forth image no Fifth image

Bara 2016 keessa, Karoora xiiqii Korporeeshiniin ijaarsa Oromiyaa hojii ijaarsa pirojeektotaa gaggeessaa turee jira.

2024-07-14 14:11:31

Bara 2016 keessa, Karoora xiiqii akka Motummaa Naannoo Oromiyaatti qabame bu'uura godhachuun, Korporeeshiniin ijaarsa Oromiyaa karooraa xiiqii mataa isaa baafatee mirkanessisuun hojii ijaarsa pirojeektotaa gaggeessaa turee jira. Korporeeshiniin keenya bara bajataa 2016 tti raawwii hojii ijaarsaa pirojeektotaa irraa galii  maallaqaan Qar. Biliyoona 12.3(biliyoona kudha lamaa fi Miliyoona dhibba sadi) hojjechuuf kan karoorfate yoo ta’u, galii  Qar. Biliyoona. 10.2(Biliyoona kudhanii fi Miliyoona dhibba lama), dhibbantaa  83 (83%) raawwatee jira. Kanaanis,  bu'aa  Qar. mill. 861( miliyoona dhibba saddeetii fi jaatamii tokko argachuuf karoorfamee, bu'aa qulqulluun Qar. mill. 645( miliyoona dhibba jahaa fi afurtamii shan) dhibbantaa  75 (75%) argachuun danda'amee jira. Raawwiin KIO bara kanaa (2016),  kan bara darbeen (2015) waliin yommuu walbira qabamee ilaalamu, Qar. billiona 1.7 , dhibbantaa 20 , ( 20%) caalmaa argisiisee jira. Pirojektoota qulqullinaan ijaaree xummuruun dabarsuu ilaalchisee, bara kana pirojektota 76 xummuruuf karoorfamee, pirojeektota  102 xummuruu danda'amee jira. Haaluma wal fakkaatuun pirojeektota 37 irratti  wal harkaa fuudhinsa duraa gaggeessuuf karoorfamee, pirojeektota 35 , dhibbantaa 94 yommuu raawwatamu, pirojeektota 31 irratti walharkaa fuudhinsa xummuraa (final hand over) raawwachuuf karoorfamee pirojeektota 36,  dhibbantaa  116 raawwachuun danda’amee jira. Gama biraatiin, Raawwiin hojii walii galaa korporeeshinichaa, Agarsiistuu raawwii ijoo KPI(Key Performance Indicator) sadarkaa Naannootti Biiroo Dhaabbilee Misoomaa Oromiyaatiin madaallamee karooraa irraa dhibbantaa 90 (90% ) ta'ee jira. Raawwii fi milkaa'ina KIO tiif gumaacha guddaa kan gootan Hojjettoota Korporeeshinichaa bu'aa hojii keessanii waan ta'eef galata guddaatu isiniif mala. Biiroo Dhaabbilee Misoomaa Naannoo Oromiyaa, Boordii KIO, Oro Konistirakshin Giruupii (OCG), Abbootii Pirojeektotaa, hawaasa bala’aa naannawaa pirojeektota keenyaa, Maamiltoonni keenyaa fi Dhiyeessitoonni, bu'aa argame kanaaf gumaachi keessan iddoo guddaa waan qabuuf galata guddaa qabdu. Yeroo itti aanu, KIOn  ciminoota isaa caalmatti gabbisee itti fufsiisuun, hanqinoota mul'atan bu'uurarraa maqsaa,  rakkoolee qunnaman waltumsuun furaa, mul’ata isaa milkeessuuf kan hojjatuu fi galma badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf yeroo kamuu caala cimee kan hojjatuu ta’uu ibsina. KIO Furmaata Hunda Galeessaaf!! Ashannaafii Dhaabaa, HRO.