no image no second image no Third image no forth image no Fifth image

OCCn Wiirtuulee, gareewwaniifi Hojjettoota kayizenii hojiirra oolchuu keessatti qooda ol'aanaa qabaniif beekamtii kenne.

2024-11-25 11:04:17

OCC Sadaasa 14, 2017, Riifoormii OCCn gaggeessaa jiru keessaa inni tokko Kaayizenii hojiirra oolchuu yommuu ta’u, KIOn bakkootaa 5tti (Wiirtuu Adamaa, Garajii Alamganaa, Wiirtuu Galaan, Damee  Shashamanneefi Garaajii Finfinnee) keessatti kaayizenii hojiirra oolchaa jira. Hojii Kaayizanii bakkeewwan shanan  kana keessatti hojjetameen jijjiramni qabatamaan mul’achuu eegaleera.  Bu’aawwan argaman kunniin  ogeessota biyyaa keessaafi biyyootaa alaatiin madaalamee kayizenii hojiirraa oolchuudhaan jijjirama qabatamaa kan argamsiise ta’uun waan mirkanaa’eeef OCCn badhaasa garaa garaa argatee jira. OCCn adeemsa jijjiiramaarra jira waan ta’eef jijjirama kana itti fufsiisuufi caalmaatti bbu’aa qabeessummaa OCC mirkaneessuuf, qaamolee kayizenii hojiirra oolchuu keessatti qoodaa ol-aanaa qabaniif beekamtii kennuun miira dorgommii uumuun barbaachisaa ta'uu manajimantiin murteessuun sirnichi raawwate. Jalqabbiin jiru jajjabeessaa ta'us fuula durattis hojiin guddaan akka irraa eegamuuf sanas ciminaan akka raawwachuu danda'an qooda fudhattootarra abdii akka qaban Hojii Raawwachiisaa Ol'aanaan OCC Injinar Ashannaafii Dhaabaa ibsanii jiru.