Ayyaanni Yaadannoo Waliigaltee Qabsoo Farra Malaammaltummaa Kabajame
2024-12-06 13:37:32
OCC Sadaasa27,2017-Ayyaanni Yaadannoon Waliigaltee Qabsoo Farra Malaammaltummaa Idil-Addunyaa akka Addunyaatti marsaa 21ffaa, akka biyyaatti marsaa 20ffaafi akka Naannoo keenyaatti marsaa19ffaaf mata duree "Dhaloota safuufi naamusa gaariin ijaaruun badhaadhina hunda galeessaaf" jedhuun kabajamu sababeeffachuun sirnoota gara garaan waajjira Ol'aanaa KIOtti kabajamaa jira. Malaammaltummaan hojmaata badaa dinagdee biyyaa gufachiisu, sirnaafi biyya diigu diina cimaa ta'uu haasaa baninsaa taasifame keessaatti ibsameera. Namni kamuu bakka jirutti abaasaaddera farra malaammaltummaa ta'uu beekee hojii hojjetu naamusa gaariin hojjechaa hojmaata badaa irraa bilisa of taasisuun fakkeenya ta'uu akka qabus ibsamee jira. Komishinarri I/A/KNFMNO,Aadde Mahibuubaa Adam, kan malaammalu caalaa kan osoo arguu callisutu biyyi gara badisaa akka deemu shoora olanaa qaba; kanaaf namni kamuu qabsoo ofirraa jalqabuu qaba jedhan. Hojii Raawwachiisaa Ol'aanaan OCC Injinar Ashannaafii Dhaabaa aadaa, safuufi dhudhaa Oromoo ganamaatti deebi'uun murteessaa ta'uu, Kenni tajaajilaa keenyaa haqa qabeessa, si'ataafi hannaafi hojmaata badaarraa walaba kan ta'e ta'uu akka qabuufi Qabsoon farra malaammaltummaa kan guyyaa tokkoo osoo hin taane hojii guyyaa guyyaan hojjennu keessatti itti fufiinsaan irratti qabsaa'amuu akka qabu kallattii kaa'niiru.