Korporeeshiniin ijaarsaa Oromiyaa (OCC'n ) dhaabbata Africa Ka'izen Award' irraa beekamtii argate.
2024-11-01 11:51:58
OCCn badhaasa “Africa Kaizen Award 2024” argate. Badhaasa sadarkaa Afrikaatti kennamu kan qopheesse “African Union Development Agency and Japan International corporation agency (AUDA & JICA)” waliin walt’uun yoo ta’u, badhaasichi Dhaabbilee biyyoota Afirkaa keessatti Kaayizanii hojiirraa oolchaan wal-dorgomsisee sadarkeessuun kan kennamu dha. Korporeeshiniin ijaarsa Oromiyaa (OCC)n bara 2014 hanga bara 2016 tti waggoottan 2f itti fufinsaan Kaayizenii hojiirraa oolchuun bu’aa qabatamaa fi jiijjirama bu’uuraa waan agarsiiseef, badhaasa kanaaf akka biyyatti akka dorgomu gamaa Dhaabbata “Ethiopian Kaizen Excellence center(KEC) ” tiin ulaagaa dorgomii guutuun biyya keenya bakka bu’uun dorgommiif kaadhimame. Korporeshinchi Badhaasicha argachuuf ji’oottan 5 darban qaamolee addaa addaa biyyaa keessaa fi ogeessotaa biyyootaa alaatiin yeroo garaa garaa madaalamaa kan ture yammuu ta’u, akkaataa madaallii qaamolee garaa garaan taasifameen OCCn Kaayizanii hojiirraa oolchuun jijjirama qabatamaa kan argamsiise ta’uun koree badhaasaa Ardii adda addaa irra walitti dhufaniin mirkanaa’ee badhasa bara 2024 argateera.