no image no second image no Third image no forth image no Fifth image

Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa Gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 2ffaa gaggeessaa jira.

2024-02-03 13:19:44

OCC Amajji 25, 2016 – Hoggantoonni Waajjira Ol'aanaa, Dameewwaniifi Pirojektootaa sadarkaa adda addaa Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa, Gabaasa Raawwii Hojii Kurmaana 2ffaa Bara 2016 irratti, Magaalaa Adaamaa Galama Abbaa Gadaatti marii eegalan. Hojii raawwachiisaa Ol’anaan(CEO) Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa (OCC) Injinaar Ashannaaffii Dhaabaa haasawaa baninsa waltajii taasisaniin, barbaachisummaafi dhimmoota ijoo irratti marii'atamuu qaban eeruun, kallattii marii waltajjii guyyoota lammeenii ibsanii jiru. Karoora xiiqii irratti marii'annee waliigaluun qulqullina, ariitiifi baayyina bu'uureffannee yaadama addaan hojjechuu akka qabnu waliigallee waan turreef, rawwii xiiqii taasifne moo hin taasifne kan jedhu waltajjiin kanaan sirritti kan madaallu ta'a jedhan. Ciminaafi hanqinaalee jiran adda baasuun hanqinaalee jiran furuufi keessaa ba'uun haala itti danda'amuu irrattis marii'annee hubannoofi ejjonnoo tokko qabanne ba'uun daran barbaachisaadas jedhaniiru. Dhumarattis gabasa raawwii keenyaa haalaan ilaallee, rakkootti abbaa goonee, yeroo hafe keessatti hojii keenya haala kamiin waltumsinee akka milkeessinu ni marii'atamas jedhan. Akkaatuma kallattii kaa'ameen gabaasni raawwii hojii kurmaana lammaffaa OCC waliigalaa, karoorri keessa deebii (revised plan), gabaasni odiitiifi ISOfi sirni madaallii walduraa duubaan erga dhihaatee booda, marii tuutaan dhimmoonni gabbifamuu qaban bal'inaan irratti marri'atamu jedhamee eegama.