.Pirojeektiin Ijaarsa Misooma Jallisii bishaan lafa jalaa Naannoo Sumaalee, Kuulanitti hojii eegale.
2024-01-22 10:48:17
OCC Amajji 10, 2016 - Kabajamoo obbo Musxafee Mohaammad Umar Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Sumaaleefi Kabajamtuu Injinar Aayishaa Mohaammad, Ministirri Ministeera Misooma Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii, Naannoo Somaalee, Godina Siitii, Aanaa Kuulanitti Pirojektii Misooma Jallisii Bishaan Lafa jalaa qarshii biiliyoona 6.1n hojii eegalsiisan. Saganaticharratti Mootummaan jijjiiramaa horsiisee bultaaf xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa akka jiruufi Naannooleen hunduu fayyadamoo akka ta'aniif dhimmaa jiraansaa himame. Pirojektiin kun jiraattota Naannaa kanaaf qofa osoo hintaane faayidaa inni akka biyyaatti qabus ol'aanaa ta'uun himameera. Pirojektichi lafa heektaara kuma 3 fi 316 misoomsuu kan danda'u ta’uunsaas ibsameera. Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa Pirojektii Misooma Jallisii Bishaan Lafa jalaa Kuulan, yeroo taa'eef keessatti qulqullina ol'aan ijaaree xumuree tajaajila Ummataaf ni oolcha.