Leenjiin "Enterprise resource planning" (ERP)
2023-11-13 11:36:35
OCC Sadaasa 02, 2016 – Leenjiin "Enterprise resource planning" (ERP) Manaajimantiifi Dursitoota Garee Waajjira Ol'aanaa Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa (OCC) tiif guyyoota lamaaf Magaalaa Bishooftuutti kennamaa ture goolabame. Leenjichi Miseenseta Manajimantiifi Dursitoota Gareewwaanii akkataa walitti dhufeenya hojiitiin garee adda addaatti qoqqooduun haala hawwataafi bilchina qabuun kennamaa ture. Xumura leenjii kanaarrattis, siistamichi haalaa gaariin hojjetamee akka jiruufi gara pirojektootaattis babal'isuun namni kamuu dafee hojiitti hiikuu akka qabu kallattiin kaa'ameera.