OCC Onkoloolessa24, 2016 – Hoggantoonni Waajjira Ol'aanaa, Dameewwaniifi Pirojektootaa Magaalaa Adaamaatti marii eegalan
2023-11-04 13:41:34
OCC Onkoloolessa24, 2016 – Hoggantoonni Waajjira Ol'aanaa, Dameewwaniifi Pirojektootaa sadarkaa adda addaa Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa, Gabaasa Raawwii Hojii Kurmaana 1ffaa Bara 2016 irratti, Magaalaa Adaamaatti marii eegalan. Hojii raawwachiisaa Ol’anaan Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa (CEO) Ijinaar Ashannaafii Dhaabaa haasawaa saaqinsa waltajii taasisaniin, dhimmoota ijoo irratti marii'atamuu qabaniifi waltajjii kanaan fala argachuu qaban eeruun, kallattii marii waltajjii guyyoota lammeenii ifoomsanii jiru. Akkaatuma kallattii kaa'ameen gabaasni raawwii hojii kurmaana tokkoffaa OCC waliigalaa erga dhihaatee booda, marii tuutaan dhimmoonni gabbifamuu qaban bal'inaan irratti marri'atamu jedhamee eegama.