Pirojektiin Ijaarsa Babal'suu Hospitaala Shaashamannee eebbifame.
2023-07-01 00:17:26
OCC Waxabajji 23, 2015- Pirojektiin Ijaarsa Babal'suu Hospitaala komp.Ispesh. Shaashamannee qulqullina olaanaan ijaaramee, Hogganaa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa Kabajamoo Obbo Fiqaaduu Tasammaatiin eebbifame. Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa (OCC), yeroo kontoraataa taa'eef keessatti, Qulqullinaanfi haala baasii qusataa ta'een ijaaree taajijila Ummataaf oolchuun kan beekamu, Hispitaala Shaashamannee dabalatee gamoowwan garaa garaa ijaaree xumuruun eebbisiisuurratti argama.