no image no second image no Third image no forth image no Fifth image

Gamaggamni Raawwii Hojii kurmaana 2ffaa Bara 2017 milkaa'inaan goolabame.

2025-01-27 00:09:44

OCC Amajji 18, 2017– Gamaggamni  Raawwii Hojii kurmaana 2ffaa Bara 2017 milkaa'inaan goolabame. Gamaggamni Hooggantoota Waajjira Ol'aanaa, Dameewwanii, Pirojektootaafi Wirtuulee Korporeeshinii Ijaara Oromiyaa (OCC) Magaalaa Bishooftuutti  guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture kallattii hojii kurmaana 3ffaa kaa'udhaan xumurame. Gamaggama kanaanis raawwiin hojii ji'oottan jahan darbanii karoora qabame waliin, qulqullina, qisaasama hir'isuu, bu'aa qabeessummaafi pirojektoota yeroo qabameef keessatti xumuruu, akkasumas aadaa hojii fi hojmaata hammayyaa dijitaalayizeshinii aadeffannaa godhanii raawwachuudhaan akkaataa itti raawwatamaa ture gadifageenyaan gamaggamamee jira. Haaluma kanaan raawwiin jiru pirojeektii gara pirojeektiifi dameewwan ijaarsaa giddutti garaagarummaan jiraachuu ilaalamee, garaaagarummaa jiru kana dhiphisuun ciminoota jiran daraan cimsanii iddoo hundaatti itti fufsiisuufi rakkoolee raawwii keessaatti mul'atan bu'uuraa irraa hiikuudhaan, akkasumas hanqinaalee adda bahan maqsuudhaan karoora xiiqii harcaatii tokko malee milkeessuuf hojjachuuf walii galame. Dhumarratti hojii raawwachiisaa ol'aanaan Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa Injinar Ashannaafii Dhaabaa kallatti hojii kaa'an 1. Raawwiin hojiilee keenyaa kallattii hundaan karoora xiiqii keenya kan milkeessan ta'uufi  dhibbeentaa(%) 100 raawwatamuu akka qaban 2. Hojiilee keenya hunda baay'ina, ariitii qulqullinan xummurree tajaajila ummataaf dabarsuu akka qabnu 3. Baasii sirnaan hoogganuu, qisaasama xiqqeessuufi Bu'a qabeessummaa mirkaneessuu 4. Hooggansi pirojeektii keenya sadarkaa hundatti galmoota qabanne hubatee sadarkaa ol'aanatti raawwachiisuu barbaachisa 5.Riiformiwwan keenya hunda duguugnee, karaa guutuu ta'eefii qindoomina qabuun, ittifufiinsaan hojiirra oolchuun murteessaa ta'uu 6. Qabiinsi ragaa, komunikeeshiniifi gabaasni keenya qulqullu, cimaa fi ittifufiinsaan yeroosaa kan eeggate ta'uu akka qabu 7 Rakkoo kenna tajaajilaa iddo tokko tokkotti mul'atuu sirreessuudhaan, hojmaata badaa irratti araarama tokko malee qabsaa'uudhaan galmoota keenya milkeessuu murteessaa ta'uu kallattii kennanii jiru. OCC Furmaata Hunda Galeessaaf!